[1] Namni akka gorsa warra jal'ootaatti hin deddeebine, karaa cubbamoonni irra adeeman irra kan hin ejjenne, warra ga'isanii wajjinis tarree kan hin teenye gammachuu qaba!
[2] Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waa'ee seera Waaqayyoo in yaada.
[3] Inni akka muka isa bishaan yaa'aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.
[4] Warri jal'oonni garuu akka kana miti; isaan akka abaqii qilleensi fuudhee adeemuu ti.
[5] Egaa warri jal'oonni firdii duratti hin jabaatan, cubbamoonnis walga'ii qajeelotaa keessa hin dhaabatan.
[6] Waaqayyo karaa qajeelotaa duukaa bu'ee in beeka, karaan jal'ootaa garuu gara badiisaatti in geessa.