Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:59

[1] Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha, ati ariifadhuu na bira ga'i! Yommuun si waammadhu, gurra keetiin gara sagalee koo dhaggeeffadhu!

[2] Kadhanni koo akka ixaana aarfamuutti, harka koo gara keetti ol qabuun koos akka aarsaa galgalaatti si duratti anaaf haa fudhatamu!

[3] Yaa Waaqayyo, eegduu afaan koo eegu, tiksee saaqamuu hidhii kootii tiksus anaaf dhaabi!

[4] Hidhata namoota dabaa hojjetanii ta'ee, jal'inaan waa akkan hin raawwannetti, garaan koo gara wanta hamaatti akka hin jal'anne godhi! Nyaanni isaanii inni namatti tolus anatti haa hafu!

[5] Namni qajeelaan na rukutuun anaaf gaarii dha, na ifachuun isaas akka dibata mataa kootii ti; mataan koos kanaan dibamuu hin didu; hojii warra hamaa godhanii irratti garuu, ani amma iyyuu kadhachuu hin dhiisu.

[6] Abboonni firdii isaanii kattaa irraa yeroo gad darbataman, wanti ani dubbadhe akka namatti tolu jaratti in dhaga'ama.

[7] Akkuma nama lafa qotee gara gaggalcheetti, lafeen isaaniis iddoo lafa jalaa dura tattamsa'ee jira.

[8] Iji koo garuu gara kee in ilaala, yaa Waaqayyo gooftaa, ani kooluu sitti galeera, ati lubbuu koo hin gatin!

[9] Futtaasaa isaan anaaf kaa'an irraa, meendoo warra hamaa hojjetanii irraas na eegi!

[10] Ani jalaa nan ba'a, warri jal'oonni immoo kiyyoo isaaniitti haa kufan!

Macaafota Faarfannaa — Chapters