Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:26

[1] Garaan koo hin shakku, yaa Waaqayyo! Sin faarfadha, sagalee mi'a garaa garaas nan dhageessisa; yaa lubbuu ko, yaa ulfaattuu ko ka'i!

[2] Yaa kiraaraa, yaa maseenqoo dammaqaa! Ani barii lafaa nan dammaqsa!

[3] Ani namoota keessatti sin galateeffadha, yaa Waaqayyo, saba lafa irraa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha!

[4] Gaarummaan kee hamma bantii waaqaa gara irraatti in guddata, amanamummaan kees hamma duumessaa in ga'a.

[5] Bantiiwwan waaqaa gara irraatti ol ka'i, yaa Waaqayyo! Ulfinni kees lafa hundumaa irratti ol haa jedhu!

[6] Michoonni kee akka oolfamaniif immoo, harka kee mirgaadhaan gargaari, anaafis deebii deebisi!

[7] Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessaa dubbatee, “Ani guddisee itti nan gammada, Sheekem kutaa biyyaa nan hira, dachaa Suukootis safaree gargar nan hira.

[8] Biyyi Gili'aad kan koo ti, biyyi Minaasees kan koo ti; biyyi Efreem gonfoo sibiilaa isa ani mataa koo ittiin eeggachuuf kaa'adhuu dha; biyyi Yihudaa siiqqee mootummaa kootii ti.

[9] Biyyi Mo'aab caabii dhiqannaa kootii ti, biyyi Edoom kan koo ta'uu isaa argisiisuudhaaf, kophee koo isa irra nan buusa; biyya Filisxiyaa irratti mo'uu koo guddisee nan dhageessisa” jedhe.

[10] Gara mandara naannoon isaa dallaa dhagaatiin marfameetti, eenyutu na fida ree” Eenyutus gara Edoomitti na geessa ree”

[11] Yaa Waaqayyo, nu gatteetta mitii” Ati yaa Waaqayyo, loltuu keenyaa wajjinis lafa duulaatti hin baatu,

[12] gargaarsi namaa homaa waa'ee waan hin baafneef, rakkina jalaa ba'uuf, ati gargaarsa nuuf kenni!

[13] Waaqayyoo wajjin, nuyi humna in godhanna, diinota keenya gad kan dhidhiitu isa.

Macaafota Faarfannaa — Chapters