Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 0:56

[1] Ati bantiiwwan waaqaa keessa teessoo kee irra waan jirtuuf, iji koo ol gara kee in ilaala.

[2] Iji hojjetootaa, harka isa isaan hojjechiifatuu, iji hojjettuu, harka ishee ishee hojjechiifattuu in eeggata; akkasuma immoo hamma Waaqayyo gooftaan keenya araara nutti argisiisutti, iji keenya gara isaa in ilaala.

[3] Araara nutti argisiisi, yaa Waaqayyo, araara nutti argisiisi! Nu'oo salphina quufnee nu irraa hafeera.

[4] Namummaan keenya ceephoo warra quufoo, isa warri of gurguddisan nu salphisanis baay'isee quufeera.

Macaafota Faarfannaa — Chapters