[1] Waaqayyoon jajadhaa, maqaa Waaqayyoo jajadhaa! Isin yaa hojjetoota Waaqayyoo, jajadhaa!
[2] Mana Waaqayyoo keessa, oobdii mana Waaqayyo keenyaa keessas warri dhaabattan, jajadhaa!
[3] Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isa jajadhaa! Maqaa isaa isa namatti tolu faarfadhaa!
[4] Waaqayyo Yaaqoobin fo'ateera, Israa'elin dhuunfaa isaa godhateera.
[5] Waaqayyo guddaa akka ta'e, gooftaan keenyas waaqayyolii hundumaa akka caalu anoo beeka.
[6] Bantii waaqaa irratti, lafa irrattis, galaanotaa fi tuujjuba hundumaa keessatti, Waaqayyo waanuma isatti tole in hojjeta.
[7] Inni duumessoota andaara lafaatii ol in kaasa, bokkaa duukaa balaqqeessa in fida, qilleensas gombisaa isaa keessaa in baasa.
[8] Inni nama yookiis horii angafa ta'ee warra Gibxiif dhalate in dha'e.
[9] Yaa biyya Gibxi, inni si keessatti Fara'oonii fi hojjetoota isaa hundumaa irratti milikkita argisiisee dinqii hojjeteera.
[10] Inni saba baay'ee rukute, mootota jajjaboo ajjeese;
[11] Sihoonin mootii Amoorotaa, Oogin mootii biyya Baashaan, mootummoota Kana'aan hundumaas isatu balleesse;
[12] inni biyya isaanii akka dhaalaatti, saba isaa Israa'eliif dhuunfaa godhee kenneef.
[13] Yaa Waaqayyo, maqaan kee kan bara baraatti; seenaan kees yaa Waaqayyo, dhalootaa hamma dhalootaatti in yaadatama.
[14] Waaqayyo saba isaatiif dhugaa in baasa, hojjetoota isaatiifis in oo'a.
[15] Waaqayyoliin saba lafa irraa meettii dha, warqee dha, harka namaatiin hojjetamanis;
[16] afaan itti jira, garuu dubbachuu hin danda'an, iji itti jira, garuu arguu hin danda'an;
[17] gurri itti jira, garuu ittiin hin dhaga'an, afaan itti jira, garuu hafuurri isaan keessa hin jiru.
[18] Warri isaan tolchan, warri isaan amanatanis hundinuu akuma isaanii ti.
[19] Yaa mana Israa'el, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa! Yaa mana Aaron, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!
[20] Yaa mana Lewwii, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa! Isin warri Waaqayyoon sodaattan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!
[21] Waaqayyo inni Yerusaalem jiraatu, Xiyoon keessatti ulfinaan haa jajamu! Waaqayyoon jajadhaa!