Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:15

[1] Ani sagalee koo gara Waaqayyootti ol nan kaafadha, nan iyyadhas; ani sagalee koo gara Waaqayyootti ol nan kaafadha; innis ana in dhaga'a!

[2] Ani guyyaa rakkina kootti goofticha nan barbaaddadhe; lubbuun koos jajjabaachuu dinnaan, halkan guutuu harki koo in diriirfame, hin dadhabnes!

[3] Waa'ee Waaqayyoo nan yaadadha, hafuura dheeraas nan baafadha; gad fageessee itti yaaduu koo irraa kan ka'es hafuurri koo in xinnaate.

[4] Baalleen ija kootii akka walitti hin qabanne goote, yaadni koo in goolame, dubbachuus nan dadhabe.

[5] Waa'ee wanta guyyoota bara duriitti, wanta waggoota durii duriitti ta'ees nan yaadadha.

[6] Isa ani dur mi'a ribuu qabuun faarfachaa ture halkan nan yaadadha; garaan koo in gadda, hafuurri koos kana in qorata.

[7] “Gooftichi bara baraan in gataa ree” Deebi'ees faara hin toluu ree”

[8] Gaarummaan isaa dhumee baraan iyyuu akka hin argamne ta'ee ree” Wanti inni dubbii isaatiin abdachiise, dhalootaa hamma dhalootaatti citee hafee ree”

[9] Waaqayyo araara-qabeessa ta'uu in irraanfatee ree” Oo'a isaa akka hin argisiifneef dheekkamsaan karaa cufee ree??

[10] Yommus ani, “Gochi harka mirgaa isa hundumaa gara irraa jiruu; geddaramuun isaa yaada koo dhiphise” nan jedhe.

[11] Yaa gooftaa, gocha kee isa dinqisiisaa durii, wanta ati hojjettes nan yaadadha.

[12] Hojiin kee hundinuu yaada koo keessa jira, waa'ee wanta ati hojjettees nan yaada.

[13] Yaa Waaqayyo, karaan ati hojjettu karaa qulqullummaa ti, waaqayyolii keessaa guddaan akka Waaqayyo keenyaa eenyu”

[14] Ati Waaqayyo isa hojii dinqisiisaa hojjettuu dha, aangoon kee saba lafaatti akka beekamu in goote.

[15] Ati saba kee ijoollee Yaaqoobii fi Yoseef irree keetiin furteetta.

[16] Yaa Waaqayyo, bishaanonni si argan, si arganiis in hunkuraman; tuujjubni galaanaa immoo in raafame.

[17] Duumessoonni bishaan in roobsan, duumessa keessaas kakawween in kakawweessa'e; xiyyi bakakkaa kee immoo kara-karaa in bu'an.

[18] Sagaleen kakawwee kee in adeeme, balaqqeessi bakakkaas biyya lafaa in ibse, lafichi raafamee in socho'e.

[19] Karaan kee galaana keessa, daandiin kee bishaan gurguddaa keessa darbe, ejjennaan faana kee garuu hin argamne.

[20] Ati harka Musee fi Aaroniin akka nama hoolota tiksutti, saba kee in geggeessite.

Macaafota Faarfannaa — Chapters