Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:56

[1] Yaa Waaqayyo gooftaa ana fayyiftuu, guyyaa gara keetti nan iyyadha, halkanis fuula kee duratti nan wawwaadha.

[2] Kadhanni koo si bira anaaf haa ga'u, ati immoo gurra kee gara boo'icha kootti qabi!

[3] Lubbuun koo rakkina quufteetti, jireenyi koos boolla lafa jalaa isa gad fagootti dhi'aateera.

[4] Ani warra gara boollichaa dhaqanitti nan lakkaa'ame, akka nama humna hin qabnees nan ta'e;

[5] ani akka nama warra du'an keessatti gatamee, akka isa waraanamee awwaala keessa ciisuu, akka warra ati deebitee hin yaadannee nan ta'e; eegumsi harka kee isaan kana irraa citeera.

[6] Ati boollicha gara jalaa keessa, iddoo dukkanaa'aa fi gad fagoo keessa na buufte.

[7] Dheekkamsi kee ulfaatee ana irra in ciisa, dha'aa kee hundumaas ana irra dambaliisifte.

[8] Firoonni koo akka ana dhi'eessan, ani immoo isaanitti wanta nama jibbisiisu akkan ta'u gooteetta; akka ani jalaa hin baanettis balballi anatti cufameera.

[9] Gadduu koo irraa kan ka'e iji koo dadhabaa in adeema, guyyuma guyyaatti ani sin waammadha, yaa Waaqayyo! Harka koo gara keetti nan diriirsa.

[10] Ati warra du'aniif dinqii hojjettaa ree” Yookiis ekeraan si jajuuf in ka'uu ree”

[11] Awwaala keessatti gaarummaan kee, lafa badiisaattis amanamummaan kee in himamaa ree”

[12] Hojiin kee inni dinqisiisaan dukkana keessatti, yookiis qajeelummaan kee biyya wanti hundinuu itti irraanfatame sanatti in beekamaa ree?

[13] Ani garuu yaa Waaqayyo, gargaarsaaf gara keetti nan iyyadha, ganamas kadhanni koo si duratti in dhi'aata.

[14] Yaa Waaqayyo, maaliif of irraa na fageessita” Fuula kees maaliif ana duraa dhoksita”

[15] Ijoollummaa kootii jalqabee gadadamaa, du'attis kanan dhi'aadhee dha, naasisuu kee baadhee, waanan godhu wallaaleera.

[16] Dheekkamsi kee inni boba'aan na irra bu'eera, naasisuun kees badduu na baaseera.

[17] Isaan guyyaa guutuu akka lolaa na marsan, gara hundumaanis naanna'anii karaa anatti in cufan.

[18] Jaalalleen koo fi firoonni koo akka ana irraa fagaatan in goote, ammas dukkana duwwaatu hiriyaa koo ti!

Macaafota Faarfannaa — Chapters