Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:16

[1] Waaqayyo gooftaa kootiin, “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taa'i!” jedhe.

[2] Waaqayyo ulee mootummaa isa aangoo kee mul'isu Xiyoonii kaasee in erga, “Diinota kee gidduutti mo'i!” in jedhaanis.

[3] Guyyaa ati macca kee geggeessitutti, namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhi'eessu; dargaggoonni kees akka fixeensa barii ganamaatti simboo qulqulluudhaan siif in ba'u.

[4] Waaqayyo,“Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera; inni kana hin gaabbu.

[5] Gooftichi mirga kee jira, guyyaa dheekkamsa isaattis mootota in caccabsa!

[6] Inni saba lafa irraa keessatti firdii in baasa, reeffas isaan keessa in guuta; bulchitoota lafa irraas in caccabsa.

[7] Karaattis mootichi burqituu keessaa in dhuga, kanaafis mataa isaa ol in qabata.

Macaafota Faarfannaa — Chapters