Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:06

[1] Hamma yoomiitti raawwattee na irraanfatta, yaa Waaqayyo” Hamma yoomiitti fuula kee na duraa dhoksita”

[2] Hamma yoomiitti lubbuun koo yaadaan dhiphatti” Hamma yoomiitti garaan koo guyyaa guutuu gadda” Hamma yoomiitti diinonni koo ana irra aanu?

[3] Yaa Waaqayyo gooftaa ko na ilaali, anaaf deebisis; hirriba du'aa akkan hin rafnetti ija koo anaaf ibsi!

[4] Diinni koo,“Isa mo'eera” hin jedhin, hamajaajiin koos bitintiruu kootti sonaan hin gammadin!

[5] Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada.

[6] Wanta gaarii inni anaaf godheef, ani Waaqayyoon nan faarfadha.

Macaafota Faarfannaa — Chapters