[1] Yaa Waaqayyo, gooftaa gumaa baaftuu, ati Waaqayyo, inni gumaa baaftu, ifa kee keessaan mul'adhu!
[2] Yaa abbaa firdii lafa kanaa ka'i! Warra hamaa hojjetanii ittiin of jajan, hojii isaanii mataa isaaniitti deebisi!
[3] Yaa Waaqayyo, jal'oonni hamma yoomiitti akkasitti turu” Jal'oonni hamma yoomiitti gammaduu isaanii argisiisu”
[4] Dubbii salphinaa gad in jijjigsu, warri hamaa godhan hundinuu of in gurguddisu.
[5] Yaa Waaqayyo, isaan saba kee in caccabsu, warra dhuunfaa keetiis gad in qabu.
[6] Isaan haadha hiyyeessaa, galaas in gorra'u, warra abbaan irra hin jirres in ajjeesu.
[7] Isaan,“Gooftichi hin argu, Waaqayyo inni kan Yaaqoob yaadaan hin qabu” in jedhu.
[8] Saba keessaa warri wallaaloo taatan hubadhaa! Isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu”
[9] Inni gurra namaaf dhaabe ofii isaatii hin dhaga'uu ree” Inni ija tolche ofii isaatii hin arguu ree”
[10] Inni saba lafa irraa gorsee deebisu, inni beekumsa nama barsiisu, ofii isaatii hin adabuu ree”
[11] Gooftichi wanta namni yaadu, namni akka qilleensa shuf jedhuu duwwaa ta'uu isaas in beeka.
[12] Yaa Waaqayyo, namni ati gorsitee deebiftu, inni ati seera kee barsiiftus gammachuu qaba!
[13] Hamma nama jal'aadhaaf boolli qotamutti, barsiisuu keetiin guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa isaaf in laatta.
[14] Waaqayyo saba isaa hin buusu, warra dhuunfaa isaa ta'anis hin dhiisu!
[15] Firdiin gara qajeelummaatti in deebi'a, gara-qajeelonni hundinuu isa duukaa in bu'u.
[16] Eenyutu ka'ee anaaf jedhee warra jal'ootaan morma” Eenyutus warra hamaa hojjetaniin mormuudhaaf gara koo dhaabata”
[17] Waaqayyo utuu ana hin gargaarre ta'ee, silaa yowwana lubbuun koo biyya warra cal jedhanii keessa buufatteetti!
[18] Yeroo ani,“Miilli koo in sigigaate” jedhetti, gaarummaan kee qabee na oolche, yaa Waaqayyo!
[19] Yeroo yaaddoon garaa kootti baay'atu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo in gammachiifta.
[20] Namni badiisa namatti fiduudhaaf barcuma firdii irra taa'u, inni seera jal'isee wanta hamaa nama irratti qopheessus, sii wajjin walitti hidhachuu in danda'aa ree”
[21] Isaan jireenya nama qajeelaa irratti in gamtatu, dhiiga nama balleessaa hin qabneetti dhangala'uu in muru.
[22] Waaqayyo garuu da'oo anaaf ta'eera, Waaqayyo kattaa ani kooluu itti galuu dha.
[23] Inni yakka isaanii mataa isaaniitti in deebisa, jal'ina isaaniitiifis lafa irraa isaan in balleessa, Waaqayyo keenya gooftichi lafa irraa isaan in balleessa.