[1] Yaa Waaqayyo, namni siif of kenne hin jiru, ati nu gargaari! Warri amanamoonni ilmaan namootaa gidduudhaa badaniiru'o;
[2] namoonni adduma addaan walii isaaniitti soba in dubbatu, afaaniin namatti kuuluudhaaf garaa walaallammiidhaan in dubbatu;
[3] hidhii sobaan namatti kuuluu hundumaa, arraba jajuu gurguddaa dubbatus, gooftichi haa kukkutu!
[4] Namoonni,“Nuyi arraba keenyaan humna in godhanna, hidhiin keenya nutti jira, eenyutu nu irratti gooftaa ta'a ree?” in jedhu.
[5] Waaqayyo gooftaan immoo, “Warri jara gadadamoo irratti humnaan ka'an waan jiraniif, warri wanta barbaachisaa dhabanis waan aadaniif, amma ani ka'uufan jedha, gargaarsa isaan hawwanis akka argatan nan godhaaf” in jedha.
[6] Dubbiin Waaqayyoo dubbii qullaa'aa dha, inni akka meettii iddoo ibiddaatti si'a torba baqfamee qullaa'ee ti;
[7] yaa Waaqayyo, ati nu irra in golgita, dhaloota kanattiis yeroo hundumaa nu eegda.
[8] Amalli gadheen ilmaan namootaa gidduutti akkuma ol ka'aa adeemu, warri jal'oonni gara hundumaan caqasaa yoo marsan iyyuu, ati nu eegda.