Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:19

[1] Isin yaa warra aboo qabdanii, dhuguma wanta qajeelaa ta'e in dubbattuu ree” Ilmaan namootaafis qajeeltootti firdii in laattuu ree”

[2] Waawuu! Isin garaa keessan keessatti dabaa in qopheessitu, biyya keessatti immoo humnaan nama irratti ka'uudhaan, harka keessan itti in ulfaachiftu.

[3] Warri jal'oonni garaa haadha isaaniitii jalqabanii karaa irraa in goru, warri soba dubbatanis dhalachuu isaaniitii jalqabanii irraa in kaatu.

[4] Isaan hadhaa isa akka hadhaa bofaa of keessaa qabu, isaan akka mar'ataa duudaa isa gurra isaa cufuu ti.

[5] Akkasitti sagalee warra dawweessanii, yookiis dubbii namicha isa wallaalchisee abboomsisuu hin dhaga'u.

[6] Yaa Waaqayyo, ilkaan isaanii afaan keessatti hurreessi, qarriffaa warra akka ilmoolee leencaas caccabsii baasi, yaa gooftaa!

[7] Akka bishaan lola'ee darbuu tamsa'anii haa badan, isaan iddaa isaanii haa jabeeffatan, xiyyi isaanii garuu qarri kan ittii fuudhame haa ta'u!

[8] Akka cilalluu gorora ishee keessatti bishaan ta'aa adeemtuu, akka wanta iddoo hin ga'in dhalatee, biiftuu hin argin hafus haa ta'an!

[9] Warri akka qoraattii isin waraanan, xobbee yookiis qancara yoo ta'an iyyuu, utuu isaan hin beekin, inni haree isaan in balleessa!

[10] Namni qajeelaan ijaa baafachuu kana waan argeef in gammada, miilla isaas dhiiga nama jal'aa keessatti in dhiqata.

[11] Yommus namoonni,“Dhuguma namni qajeelaan gatii isaa in argata, dhugumas Waaqayyo inni lafa irratti dhugaa baasu jira” in jedhu.

Macaafota Faarfannaa — Chapters