[1] Yaa warra waaqa irraa, Waaqayyoof ulfina dhi'eessaa! Aangoo Waaqayyoos beeksisaa!
[2] Ulfina maqaa isaatiif ta'u Waaqayyoof dhi'eessaa! Qulqullummaa akka mi'a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa!
[3] Sagaleen Waaqayyoo galaana irraa in dhaga'ama, Waaqayyo inni ulfina-qabeessi in kakawweessa'a; inni galaana gurguddaa irrattis waaqayyummaa isaa in argisiisa.
[4] Sagaleen Waaqayyoo humnaan in dhaga'ama; sagaleen Waaqayyoo surraadhaan in sochoosa.
[5] Sagaleen Waaqayyoo muka gaatiraa in caccabsa; Waaqayyo muka gaatiraa tulloota Libaanon in caccabsa.
[6] Inni tulloota Libaanon akka jabbii, tulluu Siiriyonis akka dibicha gafarsaa in burraaqsisa.
[7] Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa akka ibiddaa in finiinsa;
[8] sagaleen Waaqayyoo lafa duwwaa in sochoosa, Waaqayyo lafa duwwaa isa kan Qaadesh in sochoosa.
[9] Sagaleen Waaqayyoo qilxuu of irra in naannessa, mukeetii caakkaa irraas baalaa fi damee in cira; mana qulqullummaa isaa keessatti immoo hundinuu hooqubaa in dhi'eessu.
[10] Waaqayyo bishaan badiisaa gara irraa iyyuu taa'eera; Waaqayyo bara baraan mootii ta'ee teessoo irra in taa'a.
[11] Waaqayyo saba isaatiif jabina haa kennu; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan haa eebbisu!