Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:07

[1] Yaa Waaqayyo, akka gaarummaa keetti araara anatti argisiisi! Akka oo'a kee isa guddaatti irra-daddarbaa koo haxaa'ii balleessi!

[2] Yakka koo raawwadhu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi!

[3] Anoo irra-daddarbaa koo beeka, cubbuun koos gaafa hundumaa ija koo dura jira;

[4] ani si yakkeera, si'uma duwwaan yakkes, wanta ija kee duratti hamaa ta'es hojjedheera; ati immoo dubbii ana irratti dubbatteen qajeelaa, firdii faraddeenis qullaa'aa ta'uun kee in beekama.

[5] Kunoo, haati koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakkaa ta'ee nan dhaladhe.

[6] Kunoo, ati keessa namummaa namaatti amanamummaa arguutti in gammadda, iddoo dhokataa sana keessattis ogummaa na hubachiifta!

[7] Hisoophiidhaan cubbuuttii na qulleessi, anis nan qullaa'a; na dhiqi cabbii irras nan adaadha!

[8] Sagalee gammachuu fi ilillee na dhageessisi, lafeen koo warri ati caccabsites haa gammadan!

[9] Cubbuu koo fuula kee duraa dhoksi, yakka koo hundumaa haxaa'ii ana irraa balleessi!

[10] Garaa qullaa'aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!

[11] Fuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin!

[12] Gammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu, iddootti anaaf deebisi, siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni!

[13] Yommus ani warra irra-daddarban karaa kee nan barsiisa, cubbamoonnis gara keetti in deebi'u.

[14] Yaa Waaqayyo, yaa gooftaa na fayyiftuu, dhiiga koo dhangala'uu oolchi! Arrabni koos waa'ee qajeelummaa kee gammachuudhaan guddisee in faarfata.

[15] Ati arraba koo hiiki, yaa gooftaa! Afaan koos jajuu kee in hima.

[16] Qalmi sitti hin tolu, aarsaa dhi'eessuu koottis ati hin gammaddu;

[17] hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaaf bullaa'aa hin tuffattu!

[18] Akka sitti tolutti Xiyooniif gaarii godhi, masaraawwan Yerusaalem deebisii ijaari!

[19] Yommus qalma qajeeltootti, aarsaatti, qalma guutummaatti gubamuttis in gammadda; yommus iddoo aarsaa kee irratti tuntunoowwan qalmaaf in dhi'eeffamu.

Macaafota Faarfannaa — Chapters