[1] Isin qajeelota nana, Waaqayyotti gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa! Waaqayyoon jajachuun warra qajeelotaaf in ta'a.
[2] Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa, mi'a ribuu kudhan qabuun isa faarfadhaa!
[3] Faarfannaa haaraadhaan isa faarfadhaa! Ribuu mi'ichaa ba'eessa godhaa bubbutaa, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!
[4] Dubbiin Waaqayyoo qajeelaa dha, hojiin isaa hundinuu immoo amanamaa dha.
[5] Inni qajeelummaa fi wanta seeraan eegame in jaallata, laftis gaarummaa Waaqayyootiin guutuu dha.
[6] Bantiiwwan waaqaa dubbii Waaqayyootiin, wanti bantiiwwan waaqaa keessatti argamanis hafuura afaan isaa keessaa ba'uun hojjetaman;
[7] galaana akka tuullaa midhaaniitti walitti in sassaaba, bishaan baay'ees wanta akka gombisaatti in galcha.
[8] Biyyi lafaa guutummaatti Waaqayyoon haa sodaatu, namoonni lafa irra jiraatan hundinuu isaaf safuu haa buufatan!
[9] Inni in dubbate, wanti inni dubbates in ta'e; inni in abboome, wanti inni abboomes ka'ee dhaabate.
[10] Waaqayyo maree saba lafa irraa in diiga, yaadni namoonni qopheessanis hojii irra akka hin oolle in godha;
[11] mareen Waaqayyoo garuu bara baraan in dhaabata, yaadni garaa isaas dhalootaa hamma dhalootaatti in hojjeta.
[12] Sabni gooftaan kun Waaqayyo isaa ta'eef, warri Waaqayyo ofiif isaan fo'ates haa gammadan!
[13] Waaqayyo bantii waaqaa keessaa gad in ilaala, ilmaan namootaa hundumaas in arga.
[14] Inni iddoo ofii taa'u sanaa, warra lafa irra jiraatan hundumaa in ilaala.
[15] Inni guutummaa garaa namootaa tolche, wanta isaan hojjetan hundumaas gargar baasee in beeka.
[16] Mootiin humna baay'inaan mo'icha hin argatu, jagnis humna-jabinaan hin hoofkalu.
[17] “Fardi mo'ichaaf nama in gargaara” jechuun gowwummaa dha, humna isaa isa jabaadhaanis nama hin oolchu.
[18] Kunoo! Iji Waaqayyoo warra isa safeeffatan, warra gaarummaa isaa abdiidhaan eeggatanis in to'ata.
[19] Inni lubbuu isaanii du'a in oolcha, beela keessattis jireenyatti isaan in eega.
[20] Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon in eeggatti, inni gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
[21] Eyyee, garaan keenya isatti in gammada, maqaa isaa isa qulqulluus in amananna.
[22] Abdiidhaan akkuma si eegganne, yaa Waaqayyo, gaarummaan kee nuuf haa ta'u!