Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:51

[1] Yaa Waaqayyo, kadhata koo anaaf dhaga'i, iyyati koos si bira anaaf haa ga'u!

[2] Guyyaa rakkina kootti, ati fuula kee achi ana irraa hin qabatin! Gurra kee gara kootti qabi, yeroo ani si waammadhuttis, dafii anaaf deebisi!

[3] Barri koo akka aaraatti in darba, lafeen koos akkuma iddoo ibiddaa in guba;

[4] garaan koo madaa'ee akka margaa waan collageef, buddeena koo nyaachuu nan dadhaba.

[5] Sababii ani guddisee aaduuf, foon koo lafee kootti goge.

[6] Ani haadha-gaayyee ishee lafa onaa keessaa nan fakkaadhe, akka hurunguu lafa waa diigamees nan ta'e.

[7] Akkuman ilaaletti nan bula, ani akka simbira kopha-galeettii ishee bantii manaa irra jirtuu ti.

[8] Diinonni koo guyyaa hundumaa anatti ga'isan, warri na doorsisanis maqaa koo maqaa abaarsaa godhatan.

[9] Ani daaraa akka buddeenaatti nan nyaadhe, imimmaanis waanan dhugutti nan makadhe.

[10] Aarii kee fi dheekkamsa kee irraa kan ka'e, ati ol fuutee gad na darbatteetta.

[11] Guyyoonni koo akka gaadidduu gabaabbachaa adeemuu ti, anis akka margaa nan coollaga.

[12] Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan teessoo kee irra jirta, seenaan kees dhalootaa hamma dhalootaatti in yaadatama.

[13] Ati in kaata, Xiyooniifis garaa in laafta, yeroon dhaaba sanaa waan ga'eef, yeroon kun yeroo ati araara isheetti argisiiftuu dha.

[14] Garboota keetiif dhagoonni ishee iyyuu gatii qabu, hurraa'aan isaas garaa isaanii in moogessa.

[15] Yommus sabni lafa irraa maqaa Waaqayyoo, mootonni lafaa hundinuus, ulfina kee in sodaatu.

[16] Waaqayyo Xiyoonin deebisee yommuu ijaaru, ulfina isaatiin in mul'ata.

[17] Inni gara kadhata warra harka duwwaa hambifamaniitti in gara gala, himata isaaniis hin tuffatu.

[18] Sabni amma illee hin dhalatin jiru goofticha akka jajatutti, kun dhaloota dhufuuf haa caafamu.

[19] Waaqayyo iddoo isaa isa qulqulluu ol gara irraa sanaatii gad in ilaala, bantii waaqaa keessaas gara lafaa in ilaala.

[20] Inni aadnaa warra hidhamanii dhaga'uu, warra du'i itti murames gad dhiisisuu in barbaada.

[21] Namoonni maqaa Waaqayyoo Xiyoon keessatti, jajuu isaas Yerusaalem keessatti in labsu.

[22] Kunis yeroo sabni hundinuu walitti qabaman, mootummoonnis Waaqayyoof hojjechuudhaaf wal ga'anii dha.

[23] Utuu ani iddoo hin ga'in, inni humna koo cabseera; bara koos gabaabseera.

[24] Ani immoo,“Yaa Waaqayyoo ko, yaa isa waggoonni kee dhalootaa gara dhalootaatti darbanii, walakkaa bara kootiitti ana hin fudhatin!” nan jedhe.

[25] Bara duriitti ati hundee lafaa in keesse, bantiiwwan waaqaas hojii harka keetii ti.

[26] Isaan baduuf jiru, ati garuu haftee in jiraatta; isaan hundinuu akka uffataa in ciccitu, ati akka uffataatti baaftee isaan in gatta, isaanis in dhidhimu!

[27] Ati garuu isuma sana, waggoonni kees dhuma hin qaban.

[28] Ijoolleen garboota keetii mana godhatanii in taa'u, sanyiin isaaniis fuula kee duratti jabaatanii in dhaabamu.

Macaafota Faarfannaa — Chapters