[1] Waaqayyoon jajadhaa! Namni Waaqayyoon sodaatu, inni abboommiin isaa guddaa itti tolus haa gammadu!
[2] Sanyiin isaa biyyicha keessatti guddaa in ta'a, dhaloonni warra gara-qajeelotaa in eebbifama.
[3] Badhaadhummaa fi soorumni mana isaa keessa jira, qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.
[4] Inni araara-qabeessa, oo'a-qabeessa, qajeelaas waan ta'eef, warra gara-qajeelotaaf ifni dukkana keessatti in ba'aaf.
[5] Namni araara argisiisuu fi namni liqeessu gaarii dha, inni jiruu isaa qajeeltootti in geggeeffata!
[6] Inni yoom iyyuu hin mittiqu, namni qajeelaanoo bara baraan in yaadatama.
[7] Oduu hamaa dhaga'uu hin sodaatu, Waaqayyoon waan amanatuuf garaan isaa hin shakku.
[8] Hamma warra isa cunqursan irratti wanta dhufu argee gammadutti, garaan isaa cimsee amanateera, hin sodaatu.
[9] Inni arjummaadhaan warra dhabaniif in kenna, qajeelummaan isaa yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata; gaanfi mataa isaa ulfinaan ol in qabama.
[10] Namni jal'aan kana argee in aara, ilkaan isaa walitti in qara, ofii isaatiis gad in dhuma; fedhi warra jal'ootaa waan tokkotti kan hin galle in ta'a.