Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 0:48

[1] Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!

[2] Inni akka dibata gati-jabeessa isa mataa irraa areedatti gad yaa'uu ti; akka isa areeda Aaron irra morma wayyaa isaa irra gad dhangala'uu ti;

[3] inni akka sanyii fixeensa tulluu Hermoon, isa tulluu Xiyoon irra bu'uu ti; eebbi jireenya hin darbinee achi irratti akka argamu Waaqayyo abboomeera.

Macaafota Faarfannaa — Chapters