[1] Ani abdii guutuudhaan Waaqayyoon nan eeggadhe, inni immoo gara kootti jedhee, iyya koos anaaf in dhaga'e.
[2] Inni boolla huursaa bishaan sodaachisaa keessaa, dhoqqee akka suphee nama qabatu keessaas harkisee na baase; inni miilla koo dhagaa hin sochoone irra anaaf dhaabachiise, ejjennaa koos anaaf in jabeesse.
[3] Inni faarfannaa haaraa, isa ani ittiin isa jajadhu afaan koo keessa in kaa'e; baay'een kana arganii isa in sodaatu, waaqayyummaa isaa in amanatu.
[4] Namni Waaqayyoon amanannaa isaa godhatu, warra of bokoksanitti, warra amantii isaanii gananii, soba duukaa bu'anittis inni hin gorin haa gammadu!
[5] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi, yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baay'ifteetta; tokko illee kan siin qixxaatu hin jiru; isaan kana yoon labse, yoon himes, isaan wanta lakkaa'amuu danda'u gara irraa in ta'u.
[6] Ati qalmaa fi kennaa midhaaniitti hin gammanne, qalma gubamuu fi aarsaa cubbuus, ati hin barbaanne; anaaf garuu gurra banamaa in kennite.
[7] Yommus ani,“Kunoo ani nan dhufa, maraa macaafaa keessatti anaaf kan ta'u caafameera;
[8] yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” nan jedhe.
[9] Ani waldaa guddicha keessatti, waa'ee dhugaa argatanii furamuu misraachoo himeera; yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu, kunoo, ani afaan koo kana labsuuttii hin dhowwine,
[10] waa'ee qajeelummaa kee ani garaatti qabadhee hin dhoksine, ani waa'ee amanamummaa kee fi waa'ee gargaarsa kee himeera; ani waldaa isa guddaa sana keessatti, gaarummaa kee, amanamummaa kees afaan kootti hin ittifne.
[11] Yaa Waaqayyo, ati garaa laafuu kee harkatti qabattee na duraa hin hambisin; gaaromuun kee fi amanamuun kee gaaf hundumaa ana haa eegan!
[12] Wanti hamaan lakkoobsa hin qabne na marsan, hamma ani wanta biraa arguu dadhabuttis irra-daddarbaan koo anatti in dacha'an; isaan rifeensa mataa koo caalaa in baay'atu, kanaafis onneen koo in laafa.
[13] Yaa Waaqayyo, ana oolchuun jaalala kee haa ta'u, yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf ariifadhu!
[14] Warri jireenya koo butachuu barbaadan, guutummaatti haa yeella'an, haa qaana'anis; warri hamaan ana argachuutti gammadan, gara booddee deebi'anii haa salphifaman!
[15] Warri“Baga, baga” anaan jedhan, qaanii isaaniitiin na'anii haa gogan!
[16] Warri si barbaadan hundinuu garuu, isaanitti haa tolu, sittis haa gammadan; warri fayyisuu kee jaallatanis utuu gargar hin kutin, “Waaqayyo guddaa dha!” haa jedhan!
[17] Waa'ee koof yoo ta'e, ani gadadamaa dha, dhabaa dhas; garuu gooftaan koo anaaf in yaada; ati gargaarsa koo, furee koo tis, yaa Waaqayyoo ko, egaa hin turin!