[1] Waaqayyo mootii dha, sababii kanaaf sabni hundinuu in rom'a! Inni teessoo isaa isa Kiruubel baatan irra jira, sababii kanaaf lafti in socho'a!
[2] Waaqayyo Xiyoonitti guddaa dha, inni saba hundumaa irratti ol jedhaa dha.
[3] Maqaa kee isa guddaadhaa fi isa sodaatamaadhaafis galata haa galchan! Inni dhuguma qulqulluu dha!
[4] Aangoon mootichaa, wanta dhugaa ta'e in jaallata; ati wanta qajeelaa ta'e jabeessitee dhaabdeetta, dhugaan, qajeelummaanis Yaaqoob keessatti akka argamu gooteetta.
[5] Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, ejjeta miilla isaa jalatti isaaf sagadaa! Inni dhuguma qulqulluu dha!
[6] Museenii fi Aaron luboota isaa keessa turan; Saamu'elis immoo warra maqaa isaa waammatan keessaa tokko ture; isaan Waaqayyoon waammatan, innis isaaniif deebise.
[7] Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate, isaan immoo abboommii isaaf dhugaa ba'u, seerrata inni isaaniif kennes eeganiiru.
[8] Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, ati deebii isaaniif kennite; Waaqayyo isa isaaniif dhiisu, hojii isaanii irrattis isa haala isaanitti ba'u taateettaaf.
[9] Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, Waaqayyo gooftaan keenya qulqulluu dha; tulluu isaa isa qulqullaa'aa irratti isaaf sagadaa!