[1] Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon ulfinaan jajadhu! Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ati maal maal guddaa dha! Ati surraa fi simboo uffatteetta.
[2] Ati ifa akka uffataatti ofitti marte, bantiiwwan waaqaas akka dunkaanaatti diriirsiteetta.
[3] Ati utubaa mana kee bishaan gubbaa in dhaabde, duumessoota konkolaataa kee godhatte, qoochota qilleensaatiinis in adeemte.
[4] Ati qilleensota warra ergaa kee adeeman, balaqqeessa ibiddaas warra siif hojjetan godhatte.
[5] Ati lafa hundee isaa irra dhaabde, innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu.
[6] Callabboo durii durii akkuma wayyaatti isa irra in diriirsite, bishaanonni tulloota gara irraa darbanii in dhaabatan.
[7] Yommuu ati ifatte in baqatan, sagalee kakawwee kee yommuu dhaga'anis na'anii in fiigan.
[8] Isaan tullootatti ol ba'anii kan turan, dachaatti gad deebi'anii, gara iddoo ati isaaniif keessees in dhaqan.
[9] Ati daarii isaaniif dhaabde, isaanis isa irra hin darban, lafa irra diriiruuttis hin deebi'an.
[10] Yaa'onni dachaa keessaa akka ba'an goote, isaanis tulloota gidduu in yaa'u.
[11] Bineensonni caakkaa hundinuu isaan in dhugu, harronni diidaas isaanitti dheebuu in ba'u;
[12] simbirroonni qilleensa keessa balali'anis, isaan biratti mann'ee isaanii in ijaarratu, damee mukeetii gidduudhaas sagalee isaanii in dhageessisu.
[13] Iddoo buufata kee isa gara irraa sanaa, tulloota bishaan in obaafta, ija hojii kee kanaanis lafti in quufti.
[14] Horiidhaaf margi akka biqilu in goota; namnis ittiin haa hojjetuuf, lafa irraas midhaan akka argatuuf biqila in laattaaf.
[15] Wayniin garaa namaa akka gammachiisuuf, fuulli dhadhaadhaan akka calaqqisuuf, buddeennis namaaf humna akka ta'uuf in goota.
[16] Mukeetiin Waaqayyoo mukeetiin gaatiraa Libaanon, warri inni dhaabbate bishaan baay'ee in argatu
[17] simbirroonni isaan keessatti mann'ee in ijaarratu, allaattiin hawaannisaas birbirsa irratti in galu.
[18] Tulloonni dhedheeroonni kan qelejjee ti, holqi dhagaas lafa osoleen kooluu itti galtuu dha.
[19] Ji'a gargar baasuuf baatii situ uume, biiftuunis yeroo lixa ishee in beekti.
[20] Ati dukkanaaf yeroo in laatte, innis halkan; yeroo sanattis bineensonni caakkaa hundinuu lo'anii in ba'u.
[21] Leencoliin saafelli wanta adamsaniif in aadu, yommus nyaata isaanii Waaqayyo biraa fedhuu isaanii ti.
[22] Yeroo biiftuun baatu immoo isaan iddoo isaaniitti in deebi'u, mann'ee isaanii keessas in ciciisu.
[23] Namni immoo gara jiruu isaatti in ba'a, hamma galgalaattis hojii isaatti in dadhaba.
[24] Yaa Waaqayyo, wanti ati hojjette maal maal baay'ee dha! Wanti ati uumte laficha guuteera; isaan kana hundumaas ati ogummaadhaan hojjette.
[25] Kunoo, galaanni guddaanii fi bal'aan achi jira, bineensonni xinnaa fi guddaan, wanti lakkoobsa hin qabne isa keessa in munyuuqa.
[26] Isa keessa markaboonni in adeemu, lewaataan bineensi akka jawwee inni ati achi keessa haa taphatuuf tolchite achi jira.
[27] Soora isaanii yeroo ta'utti akka isaaniif laattuuf, isaan kun hundinuu si biraa in eeggatu.
[28] Yeroo ati isaaniif laattu, isaan walitti in qabatu; yeroo ati harka kee diriirsituuf, isaan wanta gaarii in quufu.
[29] Yeroo ati isaan irraa achi gara galtu, isaan na'anii abdii in kutatu; yeroo ati hafuura isaan baafatan keessaa fuutu, isaan in du'u, deebi'aniis biyyoo in ta'u.
[30] Yeroo ati hafuura kee itti ergitu immoo, isaan in uumamu; ati immoo irra-lafaa in haaressita.
[31] Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu, Waaqayyo waan hojjetetti haa gammadu!
[32] Inni ilaalchaan lafa in rom'isiisa, tuquu isaatiinis tulloota keessaa aarri in ba'a.
[33] Ani jireenya koo guutuu Waaqayyoof nan weeddisa, hamman jiruttis sagalee mi'aa dhageessisee, Waaqayyoon nan faarfadha.
[34] Gad fageessee itti yaaduun koo isatti kan tolu haa ta'u! Ani Waaqayyotti nan gammada.
[35] Cubbamoonni lafa irraa haa dhuman, jal'oonnis si'achi hin argamin! Yaa lubbuu ko Waaqayyoon ulfinaan jajadhu! Waaqayyoon jajadhaa!