[1] Gowwoonni garaa isaaniitti, “Waaqayyo hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca'aa dha, hammina ciiggaasisaa hojjechaa jiru, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru.
[2] Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf jedhee, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala;
[3] hundinuu dugda itti gataniiru, hundinuus wal ga'anii manca'aniiru; namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru.
[4] Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii” Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis, Waaqayyoon hin waammatanii”
[5] Kunoo, isaan sun naasuu guddaadhaan, naasuu takkaa ta'ee hin beekneenis in liqimfamu; Waaqayyo lafee warra marsanii si qabanii in bittimse, Waaqayyo waan isaan gateef, ati akka isaan yeellaasifaman in goota.
[6] Xiyoon keessaa Israa'eliif fureen utuma ba'e! Yeroo Waaqayyo saba isaatiif adda kennuuf, Yaaqoob in burraaqa, Israa'el in gammada.