[1] Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaa bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!
[2] Warri Waaqayyo fure, warri inni harka diinaa keessaa fure,
[3] warri inni biyya garaa garaatii ba'a-biiftuutii, lixa-biiftuutii, gara bitaattii, gara mirgaattiis walitti sassaabe, galata isaa haa himan!
[4] Warri lafa duwwaa homtuu keessa hin jirretti karaa irraa badanii jooran, mandara namni keessa jiraatutti karaa isaan geessu argachuu hin dandeenye;
[5] in beela'an, in dheebotanis, jireenya isaaniif iyyuu abdii kutatan.
[6] Rakkina isaanii keessatti gara Waaqayyootti iyyatan, yommus inni muddama isaanii keessaa isaan in baase;
[7] gara mandara namni keessa jiraatuu akka dhaqaniif, inni karaa qajeelaa irra isaan buuse;
[8] egaa gaarummaa isaa fi wanta dinqisiisaa inni ilmaan namootaaf godheefis, isaan kun Waaqayyoof galata haa galchan!
[9] Innoo isa dheebotaa dheebuu in baasa, isa beela'aas waan gaariidhaan in quufsa.
[10] Warri gadadamoonni sibiilaan hidhaman, guyyaan itti dukkanaa'ee dukkana keessa in jiraatan;
[11] isaanoo abboommii Waaqayyootiin in morman, gorsa aabbaas in tuffatan.
[12] Yaadni isaanii hojii dadhabsiisaadhaan gad qabame, isaan gufatanii in kufan, kan gargaarus hin argamne.
[13] Rakkina isaanii keessatti gara Waaqayyootti iyyatan, yommus inni muddama isaanii keessatti isaan in gargaare;
[14] isa guyyaan itti dukkanaa'e, dukkanatti jiraatan keessaa isaan baase, hidhaa isaaniis in caccabse.
[15] Egaa gaarummaa isaa fi wanta dinqisiisaa inni ilmaan namootaaf godheefis, isaan kun Waaqayyoof galata haa galchan.
[16] Innoo balbaloota sibiila boorrajii in caccabse, danqaraa sibiilaas in qirixe.
[17] Isaan karaa cubbuu irra waan goraniif gowwooman, sababii yakka isaaniifis in dhiphatan;
[18] nyaata hundumaa ciigga'anii, afaan boollaa irras ga'an.
[19] Rakkina isaanii keessatti gara Waaqayyootti iyyatan, yommus inni muddama isaanii keessatti isaan in gargaare.
[20] Dubbii isaa ergee isaan fayyise, boolla du'aa keessaas isaan baase.
[21] Egaa gaarummaa isaa fi wanta dinqisiisaa inni ilmaan namootaaf godheefis, isaan kun Waaqayyoof galata haa galchan!
[22] Aarsaa galataa haa dhi'eessan, ililleedhaanis gocha isaa hundumaa haa himan!
[23] Warri markabootaan galaana guddaa irra adeemanii, bishaan bal'aa irratti bitanii gurguran,
[24] isaan kun gocha Waaqayyoo fi hojii isaa isa dinqisiisaa tuujjuba keessatti argan.
[25] Inni in abboome, qilleensa jabaa dha'aa galaanaa ol fuudhus in kaase.
[26] Kana irratti jarri [markaba isaanii wajjin] gara bantii waaqaatti ol ka'an, tuujjubatti gad deebi'an; rakkina keessattis abdii in kutatan;
[27] akka nama machaa'ee daddarbatamanii in gatantaran, malli isaanii harkaa in dhume.
[28] Rakkina isaanii keessatti gara Waaqayyootti iyyatan, yommus inni muddama isaanii keessaa isaan in baase.
[29] Qilleensa jabaa sanas gab godhe, dha'aan galaanaas calluma jedhe.
[30] Waan inni gab jedheef in gammadan, gooftichis gara buufata markabaa isa isaan bira ga'uuf hawwanitti isaan in geesse.
[31] Egaa gaarummaa isaa fi wanta dinqisiisaa inni ilmaan namootaaf godheefis, isaan kun Waaqayyoof galata haa galchan!
[32] Waldaa sabaa keessatti ulfinaan ol isa haa kaasan! Yaa'ii maanguddootaa keessattis isa haa jajatan!
[33] Inni laga bishaan yaa'u, lafa duwwaa, burqituu bishaaniis lafa gogaa godhe;
[34] jal'ina warra biyyicha keessa jiraatan irraa kan ka'e, lafa midhaan baasu akka bakkee soogiddaa isa midhaan hin baafnee godhe.
[35] Inni lafa duwwaa, lafa kuufama bishaanii, lafa gogaas iddoo bishaan keessaa burqu godhe.
[36] Warra beela'an achi jiraachise, isaan immoo mandara keessa jiraatan in ijaarratan.
[37] Maasii isaaniitti midhaan in facaafatan, wayniis in dhaabbatan, ija isaas baay'ee in sassaabbatan.
[38] Inni isaan in eebbise, isaanis guddaa in baay'atan, lakkoobsi horii isaanii yarachaa hin adeemne.
[39] Garuu wanti hamaan, gaddis, gara booddeetti isaan deebisuu irraa kan ka'e gad qabamanii gad deebi'an.
[40] Inni gurguddootatti salphina baay'ee in fide; lafa onaa karaa hin qabne keessas akka jooran godhe.
[41] Nama wanta barbaachisaa dhabe garuu gad-deebii keessaa ol fuudhee, maatiin isaas akka karra hoolotaa akka baay'atu godhe.
[42] Warri yaada qajeelaa qaban kana arganii in gammadu, warri dubbii jal'aa dubbatan hundinuu garuu afaan in qabatu!
[43] Egaa ogeessi eenyu ree” Inni kana haa eegu, gaarummaa Waaqayyoos yaadaan haa qabu!