Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:17

[1] Waaqayyoon jajadhaa! Isin yaa hojjetoota Waaqayyoo, jajadhaa, maqaa Waaqayyoo jajadhaa!

[2] Ammaa jalqabee hamma bara baraatti, maqaan Waaqayyoo eebbifamaa haa ta'u!

[3] Ba'a-biiftuutii jalqabee hamma lixa isheetti, maqaan Waaqayyoo jajamaa haa ta'u!

[4] Waaqayyo saba lafa irraa hundumaa gara irraa dha; ulfinni isaas bantiiwwan waaqaa bira ol in darba!

[5] Kan akka Waaqayyo gooftaa keenyaa eenyu” Inni ol gara irraa teessoo isaa irra in taa'a;

[6] gara bantiiwwan waaqaatti, gara lafaattis gad fageessee in ilaala.

[7] Isa gad-deebi'aa awwaara keessaa ol in kaasa, isa dhabaa kosii keessaa ol in fuudha;

[8] warra gurguddootaa wajjin, gurguddoota saba isaa wajjinis akka taa'u in godha.

[9] Isheen dhabduun haadha ijoollee taatee gammaddee, mana keessa akka jiraattu inni in godha. Waaqayyoon jajadhaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters