[1] Yaa Waaqayyo, wanta ati qajeelaa dha jetteen geggeeffamee faraduu mootiidhaaf kenni, qajeelina kees ilma mootii argachiisi!
[2] Inni qajeelinaan saba keef firdii haa kennu, warra gadadamoofis madaaliitti firdii haa eegu!
[3] Tulloonni nagaa guutuu, gaaronnis qajeelummaa sabaaf haa kennan!
[4] Mootichi saba sana keessaa warra gadadamoof haa faradu, warra dhaban haa gargaaru, warra cunqursituu haa caccabsu!
[5] Hamma biiftuu fi ji'i jiraatanii ibsanitti, inni dhalootaa hamma dhalootaatti haa jiraatu!
[6] Inni akka bokkaa lafa margi irraa haamame irratti bu'uu, akka tiifuu deddeebi'ee lafa jiisuus haa ta'u!
[7] Bara isaatti qajeelummaan haa lalisu, hamma ji'i deebitee argamuu dhabduttis nagaan haa baay'atu!
[8] Galaanaa hamma galaanaatti laga [Efraaxiisii] hamma andaara lafaatti haa mo'u!
[9] Warri lafa duwwaa keessa jiraatan isa duratti haa gugguufan, diinonni isaas biyyoo haa arraaban!
[10] Mootonni Tarshiish, kan biyya galaana keessaas kennaa isaaf haa fidan; mootonni Sheebaa kan Saabaas isaaf gibira haa dhi'eessan!
[11] Mootonni hundinuu isa duratti haa gombifaman, sabni lafa irraas isaaf haa hojjetan!
[12] Inni nama dhabee isatti iyyatu, gadadamaa nama isa gargaaru hin qabnes in oolcha.
[13] Inni isa dadhabaadhaaf isa wanta barbaachisu dhabeef in oo'a; jireenya warra wanta barbaachisu dhabaniis inni in oolcha.
[14] Lubbuu isaanii cunqurfamuu, humnaan irratti ka'uu jalaas in fura, dhiigni isaaniis isa duratti gati-jabeessa!
[15] Mootichi bara dheeraa haa jiraatu, warqeen biyya Sheebaa isaaf haa kennamu, kadhanni isaaf yeroo hundumaa haa godhamu; eebbis guyyaa guutuu gad isaaf haa roobsifamu!
[16] Biyyicha keessa midhaan baay'atee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbate haa biqilu; iji inni kennus akka kan Libaanon haa bargaagu; namoonnis mandara keessaa, akka marga lafaa haa daraaran!
[17] Hammuma biiftuun jabaatee dhaabatutti, maqaan isaa bara baraan haa jiraatu! Maqaan isaa haa guddatus! Sabni lafa irraa guutummaatti maqaa isaatiin of haa eebbisan, “Inni eebbifamaa dha” ittiin haa jedhan!
[18] Maqaan Waaqayyoo gooftaa, Waaqayyo isa kan Israa'el, inni kophaa isaa wanta dinqisiisaa hojjetu, haa eebbifamu!
[19] Maqaan isaa inni ulfina-qabeessi bara baraan haa eebbifamu! Guutummaan biyya lafaas ulfina isaatiin haa guutamu! Ameen, ammas ameen!
[20] Kadhanni Daawit ilma Isey kana irratti raawwatamuu isaanii ti.