Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:54

[1] Haaleluyaa! Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!

[2] Hojii Waaqayyoo isa aango-qabeessa eenyutu himuu danda'a” Jajuu isaas hundumaa eenyutu dhageessisa”

[3] Warri wanta qajeelaa ta'e eegan, warri yeroo hundumaa qajeelummaadhaan hojjetanis haa gammadan!

[4] Yaa Waaqayyo, faara tolaa isa saba keetti argisiiftuun na yaadadhu, fayyisuu keetiinis kottuu na ilaali!

[5] Barakata warra siif fo'amanii argee akka garaan na ciisu, gammachuu saba keettis akkan gammadu, warra dhuunfaa kee wajjinis akkan of jaju anaaf godhi!

[6] Akkuma abboota keenyaa nus cubbuu hojjenneerra, balleessineerra, jal'inas raawwanneerra.

[7] Abboonni keenya biyya Gibxi yeroo turan, hojii kee isa dinqisiisaa hin hubanne; galaana diimaa isa jajjaba qabu biratti isa hundumaa gara irraa jiru irratti ka'an malee, baay'ina gaarummaa isaa hin yaadanne.

[8] Haa ta'u iyyuu malee, inni hojii isaa isa aango-qabeessa beeksisuudhaaf, maqaa isaatiif jedhee isaan in oolche.

[9] Inni galaana diimaa in ifate, galaanichis in goge; isa gad fagoo sana keessas akka lafa duwwaa keessaatti isaan in adeemsise.

[10] Akkasitti harka warra isaan jibbanii isaan oolche, humna diina isaanii jalaas isaan fure.

[11] Kanaaf bishaanichi hamajaajii isaanii of jala aanse, isaan keessaas tokko illee hin hafne.

[12] Kana irratti warri kan isaatii dubbii isaa in amanan, jajuu isaas in faarfatan.

[13] Garuu isaan dafanii wanta inni godhe in irraanfatan, gorsa inni kennus hin eegganne.

[14] Lafa duwwaa keessatti kajeellaan cimaan isaan in qabate; lafa onaa keessattis Waaqayyoon in qoran.

[15] Inni waan isaan barbaadan in kenneef, garuu dhukkuba isaan golgoleessu isaan keessatti erge.

[16] Namoonni iddoo buufataa sanatti Museetti, Aaron isa Waaqayyoof qulqullaa'ettis in hinaafan;

[17] lafti afaan banee Daataanin in liqimse, warra garee Abiiraamis in awwaale.

[18] Garee isaan irratti immoo ibiddatu boba'e, arrabni ibiddichaas warra jal'oota in gube.

[19] Isaan tulluu Horeebitti jabbii hojjetatan, bifa baqfame sanattis in sagadan.

[20] Isaan ulfina Waaqayyo isaanii, bifa sangaa marga dheeduutti diddiiran

[21] Waaqayyoon isa isaan oolche, isa biyya Gibxitti wanta gurguddaa hojjete in irraanfatan.

[22] Inni hojii dinqisiisaa biyya Kaam keessatti, wanta sodaachisaas galaana diimaa biratti in hojjete.

[23] Waaqayyo isaan balleessuuf jedhee ture; Museen inni Waaqayyo fo'ate sun garuu, dheekkamsa isaa jara balleessuu irraa deebisuudhaaf, gidduu lixee fuula isaa dura in dhaabate.

[24] Yommus isaan abdii inni kenneef waan hin amaniniif, biyya isa namatti tolu sana in tuffatan.

[25] Isaan godoo godoo isaanii keessatti in guunguman, sagalee Waaqayyoos dhaggeeffatanii hin abboomamne.

[26] Kanaafis inni harka ol fudhatee, lafa duwwaa keessatti isaan kukkufisuufis itti kakate.

[27] Sanyii isaanii saba warra kaan keessatti gad darbachuudhaaf, guutummaa biyya lafaa irras isaan bittimsuudhaaf irratti dubbate.

[28] Isaan,“Ba'aal Phe'or” Waaqayyo tolfamaadhaaf sagaduutti qabaman, aarsaa waaqayyolii du'oodhaaf dhi'aates in nyaatan.

[29] Isaan hojii isaaniitiin tuttuqanii goofticha waan aarsaniif, dha'ichi isaan irra in bu'e.

[30] Yommus Finehaas ka'ee gidduu lixee namoota irratti firdii raawwate; dha'ichi sunis in ittifame.

[31] Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, bara baraan qajeelummaatti isaaf in lakkaa'ame.

[32] Isaan bishaan Mariibaa biratti goofticha in aarsan; sababii isaaniitiifis dubbiin gadheen Musee irratti in dhufe.

[33] Isaan akka inni keessa ba'ee isatti hadhaa'u waan godhaniif, innis dubbii hin alalfatamin dubbate.

[34] Akka Waaqayyo isaan abboome, isaan saba warra kaan lafa irraa hin balleessine.

[35] Garuu saba lafa irraa wajjin wal makan, waan isaan hojjetanis hojjechuu in baran.

[36] Waaqayyolii tolfamoo isaaniif in hojjetan, kunis kiyyoo isaanitti ta'e.

[37] Isaan ilmaan isaanii, intaloota isaaniis aarsaa godhanii, hafuurota hamootaaf in dhi'eessan.

[38] Dhiiga ilmaan isaanii fi intaloota isaanii, waaqayyolii tolfamoo warra Kana'aaniif aarsan, dhiiga warra balleessaa hin qabnee in dhangalaasan; biyyichis dhiigaan in xureeffame.

[39] Akkasitti hojii isaaniitiin xuraa'oo ta'an, gocha isaaniitiinis amanamummaa in dhaban.

[40] Yommus dheekkamsi Waaqayyoo saba isaa irratti in boba'e, warra dhunfaa isaatiis ijaan ilaaluu isa jibbisiise.

[41] Warri isaan jibban isaan irratti akka mo'anitti, inni harka saba lafa irraatti dabarsee isaan in kenne.

[42] Diinonni isaanii isaan in cunqursan, harka isaanii jalas in galfaman.

[43] Inni yeroo baay'ee isaan oolche, isaan garuu maree isaatiin mormanii, yakka isaanii keessas gad in fagaatan.

[44] Haa ta'u iyyuu malee, yeroo iyya isaanii dhaga'etti, inni rakkina isaanii in ilaale.

[45] Inni kakuu isaa isaaniif in yaadate, akka baay'ina gaarummaa isaattis isaaniif in gadde.

[46] Warri isaan booji'an iyyuu, akka isaaniif oo'an in godhe.

[47] Nuyi maqaa kee isa qulqulluu akka galateeffannuuf, warra si jajatan ta'uu keenyaafis akka of himnuuf, yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, ati nu oolchi, saba lafa irraa keessaas walitti nu sassaabi!

[48] Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el, bara baraa hamma bara baraatti ulfinaan haa jajamu! Namoonni hundinuus “Ameen!” haa jedhan! Waaqayyoon jajadhaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters