[1] Yaa Waaqayyo, rakkina koo kana keessatti sagalee koo anaaf dhaga'i; jireenya koos sodaachisa diinaattii anaaf eegi!
[2] Wanta warri jal'oonni wal ga'anii anatti malan, isa warri hamaa godhan tuqa anatti kaasan duraas, ana dhoksi!
[3] Isaan arraba isaanii akka billaa in qaratu, dubbii hadhaa'aas akka xiyyaa iddaatti kaa'atu.
[4] Iddoo riphanii jiranii nama balleessaa hin qabnetti, yeroo inni itti hin yaadinitti, sodaa malee isatti gad in dhiisu.
[5] Isaan hamaa gochuudhaaf isa yaadanitti in jabaatu, waa'ee dhoksanii kiyyoo kaa'uus in dubbatu, yaada isaaniittis, “Eenyu nu arguu danda'a?” in jedhu.
[6] Keessi yaada garaa namaa gad fagoo waan ta'eef, isaan waan jal'aa hojjechuudhaaf in yaadu, “Kora korannee qophoofneerra” in jedhu.
[7] Waaqayyo garuu xiyya isaa isaanitti gad in dhiisa, yommus isaan utuu itti hin yaadin in madaa'u.
[8] Dubbiin arraba isaanii isaan in gufachiisa warri isaan argan hundinuus in baqatu.
[9] Yommus namoonni hundinuu in sodaatu, wanta Waaqayyo godhe in himu, hojii isaas yaadanii in hubatu.
[10] Namni qajeelaan Waaqayyotti in gammada, isattis kooluu in gala, gara-qajeelonni hundinuus isa in jaju.