Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:52

[1] Takka biyya keetti faara tolteetta, yaa Waaqayyo! Yaaqoobiif adda kenniteetta;

[2] saba keef yakka isaa dhiifteettaaf, cubbuun isaanii hundinuus deebi'ee akka hin mul'anne gooteetta.

[3] Finiina dheekkamsa kee hundumaa irraa deebifteetta, aarii kee isa boba'us dhiifteetta.

[4] Yaa Waaqayyo isa fayyina nuuf laattuu, iddootti nu deebisi; nutti gadduun kee haa hafu!

[5] Ati bara baraan nutti dheekkamtaa ree” Aaruu kees dhalootaa hamma dhalootaatti itti fuftaa ree”

[6] Sabni kee akka sitti gammadutti, deebitee lubbuu nutti hin deebiftuu ree”

[7] Gaarummaa kee nu argisiisi, yaa Waaqayyo, gargaarsa kee isa fayyisu nuuf kenni!

[8] Wanta Waaqayyo dubbatu dhaggeeffachuu nan barbaada; sabni isaa warri isaaf of kennan, gara gowwummaatti hin deebi'in malee, gooftichi nagaa isaanitti in dubbata.

[9] Dhuguma iyyuu fayyisuun isaa warra isa sodaataniif dhi'oo dha; kanaaf ulfinni biyya keenya keessa in buufata.

[10] Gaarummaanii fi amanamummaan wal in argu, qajeelummaa fi nagaan wal in dhungatu.

[11] Amanamummaan lafa keessaa in biqila, qajeelummaan waaqa keessaa gad in ilaala;

[12] dhugumaan Waaqayyo waan gaarii in kenna, lafti keenyas midhaan in baasa;

[13] qajeelummaan fuula gooftichaa dura in adeema, faanni isaas isa duukaa in qajeela.

Macaafota Faarfannaa — Chapters