Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:41

[1] Ani garaa koo guutuudhaan, galata siif nan galcha, yaa Waaqayyo! Waaqayyolii durattis jajuu kee nan faarfadha.

[2] Ani gara mana qulqullummaa keetti gara galee nan sagada; wanta ittiin maqaan kee beekame gara irraatti ati abdii kee waan ol kaafteef, gaarummaa keetii fi amanamummaa keetiifis, maqaa keef galata nan galcha.

[3] Guyyaa ani si waammadhetti na jalaa owwaatteetta, ati na jabeessite, lubbuun koos humna godhatte.

[4] Dubbii afaan kee keessaa ba'u waan dhaga'aniif, mootonni biyya lafaa hundinuu galata siif in galchu, yaa Waaqayyo!

[5] Ulfinni Waaqayyoo guddaa waan ta'eef, isaan waa'ee karaa isa Waaqayyo ittiin hojjetuu in weeddisu.

[6] Waaqayyo akkas ol ka'ee utuma jiruu, warra gad deebi'an in ilaala; warra of gurguddisan garuu inni fagootti in beeka.

[7] Ani gidiraa keessa yoon deddeebi'e iyyuu, ati lubbuu anatti in deebifta; dheekkamsa diinota koo irrattis, ati harka ol in fudhatta; harki kee mirgaas ana in oolcha.

[8] Waaqayyo akeeka isaa anaaf in raawwata; gaarummaan kee yaa Waaqayyo, bara baraan in jiraata, hojii harka keetii ati hin dhiisin!

Macaafota Faarfannaa — Chapters