Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:36

[1] Yaa Waaqayyo! Ati warra anaan mormaniin mormi, warra ana lolanis loli!

[2] Gaachanaa fi mi'a lolaa ol fudhadhuutii, ana gargaaruudhaaf ka'i!

[3] Warra ana ari'atanitti eeboodhaa fi gajara luqqifadhu, “Anatu si gargaara” jedhii anatti dubbadhu!

[4] Warri jireenya koo balleessuu barbaadan, haa qaana'an haa salphifamanis! Warri waan hamaa anatti malan, of irra haa deebi'an, haa yeella'anis!

[5] Akka abaqii qilleensi fuudhuu haa ta'an, ergamaan Waaqayyoos isaan haa daddarbatu!

[6] Karaan isaanii dukkanaa fi mucuca haa ta'u, ergamaan Waaqayyoos isaan haa ari'atu!

[7] Isaan sababii tokko malee kiyyoo anaaf dhoksanii kaa'an, sababii tokko malees boolla anaaf qotan.

[8] Utuu isaan hin beekin badiisi isaan irratti haa dhufu; kiyyoon isaan dhoksanii kaa'anis isaanuma haa qabu, boolluma qotan keessatti kufanii haa badan!

[9] Yommus lubbuun koo Waaqayyotti gammachuu in qabaatti, gargaarsa inni anaaf godhettis in gammaddi;

[10] garaa koo guutuudhaan, “Ati isa gadadamaa nama isa caalaa jabaatu harkaa, isa gad qabamaa fi isa wanta barbaachisaa dhabes, nama isa saamu harkaa in baafta; yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu ree?” nan jedha.

[11] Dhuga-baatonni sobduun jal'inaan anatti ka'anii, gaaffiidhaan wanta ani hin beekne ana irra in kaa'u.

[12] Isa ani gaarii isaaniif godheef hamaa anaaf in deebisu; kopha-galeessas na godhan.

[13] Ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan, uffata gaddaa nan uffadhe, soomuudhaan namummaa koo gad nan deebise, gara qoma kootti gad jedhees nan kadhadheef;

[14] akka waan ani fira kootiif yookiis obboleessa kootiif gaddutti, akka nama haadha isaatiif boo'uttis ani mataa buuseen gaddaa adeeme.

[15] Yeroo ani gufadhee kufetti gammadanii anatti dacha'an, utuu ani itti hin yaadinis jecha isaaniitiin na madeessuuf anatti dacha'an, arrabaan na kukkutachuus gab hin goone;

[16] isaan warra Waaqayyo malee jiraatanii wajjin nyaataaf taa'anii in gai'su, ilkaan isaaniis anatti in qaratu.

[17] Yaa gooftaa, hamma yoomiitti akkasumatti ilaalta” Lubbuu tokkittii ani qabu badiisa isaan itti fidan jalaa, qabaa warra akka leenca saafelaa anatti gamu jalaas baasi!

[18] Yommus waldaa guddaa keessatti sin galateeffadha, saba baay'ee keessattis sin jajadha.

[19] Warri akkasumaan diina anatti ta'an ana irratti hin gammadin; warri sababii malee na jibbanis ana irratti ijaan wal hin tuqin!

[20] Isaanoo nagaa hin dubbatan, warra biyya keessa nagaadhaan jiraatan irrattis dubbii sobaa yaadanii in qopheessu;

[21] isaan,“Baga, baga, iji keenya si arge!” jedhanii laagaa anatti banan.

[22] Yaa Waaqayyo, kana situ arge, calluma hin jedhin! Fagaattee na duraa hin hafin, yaa gooftaa!

[23] Yaa Waaqayyo gooftaa ko! Dhimma kootiif ka'i, dubbii kootiifis dammaqi!

[24] Akka qajeelummaa keetti dhugaa koo anaaf baasi, yaa Waaqayyo gooftaa ko! Warri diina anatti ta'an kunis ana irratti hin gammadin!

[25] Isaan,“Baga, isa garaa keenyaa arganne” hin jechisiisin! “Isa liqimsineerra” akka jedhaniifis karaa hin kenniniif!

[26] Warri hamaa anaaf gammadan hundinuu haa yeella'an, haa qaana'anis! Warri anatti of gurguddisanis, yeelloodhaa fi salphina haa uffatan!

[27] Warri qajeelaa ta'uun koo itti tolu, haa gammadan, haa ililchanis! Yeroo hundumaas,“Waaqayyo guddaa dha! Hojjetaan isaa nagaatti jiraachuun isatti in tola” haa jedhan.

[28] Yommus arrabni koo qajeelummaa kee, jajamuu kees guyyaa hundumaa in dubbata.

Macaafota Faarfannaa — Chapters