Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:42

[1] Lafichi, wanti laficha guutes hundinuu kan Waaqayyoo ti, biyyi lafaa fi warri isa keessa jiraatanis kan isaa ti;

[2] inni galaana irra hundee isaa kaa'eera, bishaan irras jabeessee dhaabeera.

[3] Gara tulluu Waaqayyootti ol ba'uun kan ta'uuf eenyu” Iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessas dhaabachuun kan ta'uuf eenyu”

[4] Isa harki isaa hin xuraa'in, garaan isaas qullaa'aa ta'e, isa yaada isaa wanta sobaa duukaa hin kaafne, isa sobaan hin kakannee dhas.

[5] Inni Waaqayyo biraa eebba, gooftaa isaa, fayyisaa isaa biraas dhugaa in argata.

[6] Dhaloonni Waaqayyoon barbaaddatan kun warra akkasii ti; yaa Waaqayyo isa kan Yaaqoob, warri fuula kee arguu fedhan isaanuma kana.

[7] Mootiin ulfinaa kun eenyu inni” Isin yaa mata-duree balbala kellootaa, ol banamaa! Isin yaa balbaloota durii durii, ol qabamaa!

[8] Mootiin ulfinaa kun eenyu inni” Waaqayyo isa jabaa aango-qabeessa, Waaqayyo isa duulattis aangoo qabuu dha.

[9] Mootiin ulfinaa akka ol galutti, isin yaa mata-duree balbala kellootaa, ol banamaa! Isin yaa balbaloota durii durii, ol qabamaa!

[10] Mootiin ulfinaa kun eenyu inni” Inni Waaqayyo gooftaa maccaa ti, isa mootiin ulfinaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters