[1] Iddoo gad fagoo keessaa, ani sin waammadha, yaa Waaqayyo!
[2] Yaa gooftaa, sagalee koo anaaf dhaga'i! Gurri kees sagalee himata koo haa dhaggeeffatu!
[3] Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa”
[4] Garuu ati akka sodaatamtutti, cubbuu namaaf dhiisuun si bira jira.
[5] Ani Waaqayyoon abdadhee nan eeggadha, lubbuun koo in eeggatti, dubbii isaas abdiidhaan nan eeggadha!
[6] Eegduu barii ganamaa eeggatan caalaa, eegduu barii ganamaa eeggatan caalaa, lubbuun koo, gooftaa abdiidhaan in eeggatti.
[7] Gaarummaan Waaqayyo bira waan jiruuf, fureen guutuunis isuma biratti waan argamuuf, yaa Israa'el, Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu!
[8] Inni Israa'elin irra-daddarbaa isaa hundumaattii in fura.