Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:10

[1] Yaa Waaqayyo, dafii na oolchi, yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf ariifadhu!

[2] Warri jireenya koo balleessuu barbaadan, haa yeella'an, haa qaana'anis! Warri hamaan ana argachuutti gammadan, gara booddee deebi'anii haa salphifaman!

[3] Warri“Baga, baga” anaan jedhan, qaana'anii gara booddeetti haa deebi'an!

[4] Warri si barbaadan hundinuu garuu, isaanitti haa tolu, sittis haa gammadan! Warri fayyisuu kee jaallatanis utuu gargar hin kutin, “Waaqayyo guddaa dha!” haa jedhan!

[5] Waa'ee koof yoo ta'e garuu, ani gadadamaa dha, dhabaa dhas, ariifadhuu na bira ga'i, yaa Waaqayyo! ati gargaarsa koo ti, furii koo tis, yaa Waaqayyo, egaa hin turin!

Macaafota Faarfannaa — Chapters