[1] Yaa saba lafa irraa hundumti keessan kana dhaga'aa, isin yaa warra lafa irra jiraattanii hundumti keessan gurra keessan as qabaa!
[2] Guddaa fi xinnaa, sooressaa fi hiyyeessaa, walii wajjin kana dhaggeeffadhaa!
[3] Afaan koo ogummaa haa dubbatu, wanti ani garaatti yaadus hubannaa haa argisiisu!
[4] Dubbii yaada gad fagoo of keessaa qabu fudhachuudhaaf gurra koo itti nan qaba, yeroo ani kiraara rukututtis hiikaa isaa isa dhokataa nan mul'isa.
[5] Guyyaa wanti hamaan na irra ga'u, warri faana na dha'an hamaa gochuudhaaf yommuu anatti marsan, maaliifan sodaadha”
[6] Isaan kun qabeenya isaanii in amanatu, sooruma isaanii isa tuullataniinis of in jaju.
[7] Dhuguma iyyuu namni nama furu, yookiis gatii furee sanaa Waaqayyoof baasuu danda'u hin jiru;
[8] gatiin furee lubbuu isaanii sonaan guddaa dha, bara baraanis utuu hin baafamin in hafa.
[9] Kanaafis namni bara baraan nama jiraachisuu, awwaalamuus isa oolchuu hin danda'u.
[10] Ogeessonni iyyuu akka du'an eenyu iyyuu in arga, namni gowwaanis, namni doofaanis, lafa irraa in badu, qabeenya isaaniis warra kaaniif in dhiisu;
[11] biyya maqaa isaaniitiin waamamu yoo qabaatan iyyuu, awwaalonni isaanii bara baraan mana isaanii ti, dhalootaa hamma dhalootaattis lafa boqonnaa isaanii ti.
[12] Namni ulfina isaatti jiraachaa hin hafu, namni horiitti yookiis bineensatti fakkeeffamee waa'een isaa in raawwatama.
[13] Kunoo, warra gowwummaadhaan of amanatanitti kan akkasiitu dhufa, dhumni warra isaan duukaa of gurguddisuu isaaniitti gammadaniis akkas.
[14] Isaan iddoo lafa jalaatiif kaa'aman, duunis akkuma hoolotaa isaan in tiksa; bifni isaanii inni akka manaatti keessa jiraatan, iddoo lafa jalaatti irraa in dhuma; warri waan qajeelaa hojjetan immoo, ganamaan isaan irratti mootummaa in argatu.
[15] Waaqayyo garuu humna iddoo lafa jalaa harkaa na baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata.
[16] Namni yommuu sooromu, ulfinni mana isaas baay'achaa yommuu adeemu, waan guddaa sitti hin fakkaatin!
[17] Namni yeroo du'u waan tokko iyyuu fudhatee hin dhaqu, ulfinni isaas isa duukaa hin dhaqu;
[18] inni bara jireenya isaatti gammaduu isaa haa himu, ofii isaatiinis, “Gaariitti jiraachuu keetiif namoonni si haa jajan!” haa jedhu!
[19] Garuu inni abboota isaa warra du'an, warra baraan iyyuu deebi'anii ifa hin argine bira dhaquun isaa hin oolu.
[20] Namni ulfina qabaatee hubannaa dhabee, horiitti yookiis bineensatti fakkeeffamee, waa'een isaa in raawwatama.