Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 0:50

[1] Yaa Waaqayyo, garaan koo waan guddaatti of hin ilaalu, mataa irra-keessa qabadhee hin adeemu; wanta anatti guddatee, humna koo gara irraattis dinqisiisaa ta'e keessa hin lixu.

[2] Ani lubbuu koo urursee cal jechisiiseera; akkuma mucaan erga harma gu'e iyyuu haadha isaa yommuu argatu calluma jedhu, lubbuun koos isa argatetti calluma in jetti.

[3] Yaa Israa'el, ammaa jalqabee hamma bara baraatti, Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters