Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:36

[1] Yaa saba garaa garaa hundumti keessan, harka keessan walitti rurrukutaa! Sagalee keessan ol fuudhaa Waaqayyotti gammaduu keessan dhageessisaa!

[2] Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru sodaachisaa dha, inni guutummaa biyya lafaa irratti mootii guddaa dha;

[3] inni saba garaa garaa harka keenya jala in galche, namoota hundumaas miilla keenya jala kaa'e.

[4] inni biyya dhaala keenyaa nuuf in fo'a, Yaaqoob inni Waaqayyo jaallatu biyyichaan in koora.

[5] Waaqayyo gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee fiinootiinis ol ba'eera;

[6] Waaqayyoon faarfannaadhaan jajadhaa! Isa faarfadhaa! Mootii keenya faarfannaadhaan jajadhaa! Isa faarfadhaa!

[7] Waaqayyo mootii guutummaa biyya lafaa waan ta'eef, isa faarfadhaa, mararoodhaan jajadhaa!

[8] Waaqayyo saba warra kaan irratti in mo'a, Waaqayyo teessoo isaa isa qulqulluu irra in taa'a;

[9] gurguddoonni saba garaa garaa, saba Waaqayyoo isa kan Abrahaamitti dabalamanii, walitti sassaabamanii jiru, warri biyyaaf gaachana ta'an kan Waaqayyoo waan ta'aniif, inni guddaa ol kaafameera.

Macaafota Faarfannaa — Chapters