[1] Borofni akkuma bishaan yaa'u argachuu yaadu, lubbuun koos akkasuma si yaaddi, yaa Waaqayyo!
[2] Lubbuun koo Waaqayyoon immoo, Waaqayyoon isa jiraataa akka bishaanii in dheebotti; yooman dhufa, Waaqayyo koo durattis yooman argama!
[3] Namoonni guyyuma guutuu, “Waaqayyo kee eessa jira?” anaan in jedhu; kanaafis guyyaa fi halkan imimmaan soora anaaf in ta'e.
[4] Ani tuuta sanaa wajjin, saba ayyaaneffachaa ture wajjinis, sagalee gammachuu guddaa fi faarfannaa galataatiin, tooraan gara mana Waaqayyootti attamitti akkan adeeme, nan yaadadha; yeroon kana yaadadhus lubbuun koo na keessaa in sokka.
[5] Yaa lubbuu ko, maaliif akkas gadditee dhiphatta” Maaliifis akkas ana keessatti gabii dhabda” Ati Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebi'ee gargaarsa isa biraa anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo ta'uu isaatiifis isa jajachuufan jira!
[6] Lubbuun koo ana keessatti gadditee dhiphatteetti, kanaafis ani biyya Yordaanosii fi Hermoonii, tulluu Mizaar gubbaadhaas sin yaadadha.
[7] Yeroo bishaan kee huursutti, tuujjubni tuujjuba akka isaatii in waama; dha'aan kee fi tuulamee darbatamuun bishaan kee ana irra yaa'an.
[8] Waaqayyo gaarummaa isaa guyyaa akka abboomutti, halkan isa nan faarfadha, kadhatas gara Waaqayyoo jireenya kootiitti nan dhi'eessa.
[9] Anis kattaa koo Waaqayyoon, “Ati maaliif na irraanfatte” Sababii cunqursaa diina koofis, maaliifan boo'aa adeema?” nan jedha.
[10] Warri na cunqursan guyyuma guutuu, “Waaqayyo kee eessa jira?” anaan jechuudhaan, anatti ga'isanii lafee koo na cabsan.
[11] Yaa lubbuu ko, maaliif akkas gadditee dhiphatta” Maaliifis akkas ana keessatti gabii dhabda” Ati Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebi'ee gargaarsa isa duraa anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo ta'uu isaatiifis isa jajachuufan jira!