Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:14

[1] Waaqayyoon jajadhaa! Bantiiwwan waaqaa keessaa Waaqayyoon jajadhaa, ol gubbaa sanatti isa jajadhaa!

[2] Ergamoonni isaa warri waaqa irraa hundinuu isa jajadhaa; macci isaa hundinuus isa jajadhaa!

[3] Biiftuu fi ji'i isa jajadhaa, urjoonni calaqqiftanis isa jajadhaa!

[4] Bantiiwwan waaqaa warri ol fagoon, isinis bishaanonni bantiiwwan waaqaa irra jirtan, isa jajadhaa!

[5] Inni abboomnaan waan uumamaniif, isaan maqaa Waaqayyoo haa jajatan!

[6] Inni yeroo hundumaaf baruma baraan cimsee isaan dhaabe, seerrata isaan irra darbuu hin dandeenyes isaaniif in kenne.

[7] Isin bineensonni akka jawwee galaanatti galtan, tuujjubni galaanaas, lafaa Waaqayyoon jajadhaa!

[8] Isin ibiddii fi qorri, cabbiinii fi hurriin, bubbeen qilleensaa inni abboommii isaa raawwatu,

[9] Tulloonni gaaronnis hundinuu, mukeetiin ija godhatan, gaatiraanis hundinuu,

[10] bineensonni, horiin qe'ees hundinuu, warri lafa irra munyuuqan, warri baalleedhaan ka'anis,

[11] mootonni lafaa, sabnis hundinuu, gurguddoonni, warri biyya seerratanis hundinuu,

[12] dargaggoonni, durboonnis akkasuma, jaarsoliinis ijoollee wajjin,

[13] hundumti isaanii maqaa Waaqayyoo haa jajatan! Maqaan isaa kophaan ol ka'ee waan beekameef, surraan isaa lafaa fi bantii waaqaa gara irraa dha.

[14] Jajuu ijoollee Israa'el, warra isatti dhi'aatanii, isaaf of kennan hundumaaf, inni gaanfa mataa saba isaa ol qabeera. Waaqayyoon jajadhaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters