Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:27

[1] Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata!

[2] Waaqayyo isa waaqayyolii caaluuf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[3] Isaaf galata galchaa! Gooftaa gooftotaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[4] Inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjete; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[5] Inni hubannaadhaan bantiiwwan waaqaa uume; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[6] Inni lafa bishaan irra diriirse; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[7] Inni ifa gurguddaa hojjete; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[8] Biiftuun guyyaa aboo akka godhatuuf kaa'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[9] Ji'i, urjoonnis halkan aboo akka godhataniif kaa'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[10] Inni angafa ta'anii warra Gibxiif kan dhalatan in dha'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[11] Israa'elin immoo isaan gidduudhaa in baase; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[12] Harka aango-qabeessaan, irree isaa isa ol fudhateen in baase; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[13] Inni galaana diimaa iddoo lamatti gargar hire; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[14] Sabni Israa'el gidduu isaa akka darban godhe; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[15] Fara'oonii fi macca isaa immoo galaana diimaa keessatti in darbate; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[16] Inni saba isaa lafa onaa keessa in geggeesse; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[17] Inni mootota gurguddoota in dha'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[18] Inni mootota surra-qabeeyyii in ajjeese; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[19] Sihoonin mootii Amoorotaa in qoome; gaarummaan isaas bara baraan in jiraata.

[20] Oogin mootii Baashaan in ajjeese; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[21] Inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[22] Israa'el garbicha isaatiif dhuunfaa isa godhe; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[23] Yeroo gad deebii keenyaatti isatu nu yaadate; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[24] Warra nu cunqursan harkaas isatu nu baase; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[25] Inni foon kan uffate hundumaa in soora; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

[26] Waaqayyo, gooftaa bantii waaqaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.

Macaafota Faarfannaa — Chapters