Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:30

[1] Nuyi biyya Baabilonitti lagoota bishaanii bira teenyee, yommuu Xiyoonin yaadanne in boonye.

[2] Kiraarota keenya alaltuu achi jirutti fafannifne.

[3] Achitti immoo warri nu booji'an akka nuyi isaaniif weeddifnu, warri nu dhiphisanis gammachuudhaan akka isaaniif faarfannu nu irraa barbaadan; “Weedduu Xiyoon keessaas tokko nuuf weeddisaa!” jedhan.

[4] Wanta Waaqayyoof weeddifnu, attamitti biyya ormaatti weeddisuu dandeenya ree”

[5] Yaa Yerusaalem, ani yoon si irraanfadhe, harki koo mirgaa hojii isaa haa irraanfatu!

[6] Ani yoon si yaadachuu dhabaadhe, wanta ani itti gammadu hundumaa irra Yerusaalemin yoon caalchifachuu dhabaadhe, arrabni koo laagaa kootti haa gogu!

[7] Yaa Waaqayyo, gaafa Yerusaalem diigamte, warri Edoom,“Diigaa, hamma hundee isheetiitti diigaa!” akka jedhan yaadadhu!

[8] Yaa mandara Baabilon, yaa barbadeessituu! Waan ati nu irratti hojjetteef, isa dugda siif baasu sanaaf haa tolu!

[9] Mucoolii kee qabee isa dhagaa irratti caccabsu sanaaf haa tolu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters