Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:40

[1] Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa! Maqaan kee guutummaa biyya lafaatti guddaa guddaa caalu attamii tii! Guddina kee bantiiwwan waaqaa irratti diriirsiteetta.

[2] Warra si irratti ka'an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa'imootaatiin, ati humna dhaabbatteetta.

[3] Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara ji'aa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu,

[4] “Ati akka isa yaadattuuf namni maali” Ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maali?” jedhee nan gaafadha.

[5] Yaa Waaqayyo, kana keessaa immoo, xinnoodhuma ofii keetii gad isa goote, gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra keesse;

[6] hojii harka keetii hundumaa irratti isa moosifte, wanta hundumaas miillan isaa jala galchite;

[7] bushaa'ee fi saawwan hundumaa, bineensota caakkaas akkasuma,

[8] simbirroota qilleensa keessa balali'an, qurxummiiwwan galaana keessaas, waanuma galaana keessa daandii baafatee deddeebi'us.

[9] Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa! Maqaan kee guutummaa biyya lafaatti guddaa guddaa caalu attamii tii!

Macaafota Faarfannaa — Chapters