[1] Yaa Waaqayyo, araara anatti argisiisi! Warri na barbaadan ana in ari'u; warri na lolanis guyyaa hundumaa na cunqursu.
[2] Warri guyyaa guutuu na gaadan barbaadanii na ari'u, warri ol of qabuudhaan na lolan lakkoobsa hin qaban;
[3] ani yeroon sodaadhutti, amanannaa koo si irra nan kaa'adha.
[4] Waaqayyoon isa ani sagalee isaa jajadhu, Waaqayyoon sodaa malee nan amanadha; namni foonii maal na gochuu danda'a ree?
[5] Guyyaa hundumaa waan ani dubbadhu in micciiru yaadni isaanii hundinuu hamaadhaaf ana irratti ka'uu dha.
[6] Isaan walitti in gamtatu, in riphus; jireenya koo balleessuudhaaf in gaadu, tarkaanfii koos in caqasu.
[7] Wanta jal'aa hojjetanii hin ba'an, ati dheekkamsaan saba akkasii gad deebisi, yaa Waaqayyo!
[8] Joora koo ati lakkooftee keesseetta, imimmaan koo qodaa safaraa keetti walitti qabi! Isaan dhugumaan macaafa kee keessatti caafamaniiru.
[9] Yeroo ani Waaqayyoon waammadhutti, diinonni koo gara booddee in deebi'u; yommus Waaqayyo gara koo ta'uu isaa nan beeka.
[10] Waaqayyoon amanadhee sagalee isaa nan jajadha, goofticha amanadhee sagalee isaa nan jajadha.
[11] Sodaa malee Waaqayyoon nan amanadha, namni maal na gochuu danda'a ree”
[12] Wanti ani siif wareege ana irra jira, yaa Waaqayyo! Aarsaa galataas siif nan dhi'eessa.
[13] Fuula kee dura, yaa Waaqayyo, ifa jireenyaa keessas akka ani deddeebi'utti, ati lubbuu koo du'a, miilla koos gufuu oolchiteetta.