[1] Yaa gooftaa, ati dhalootaa hamma dhalootaatti, iddoo kooluu itti gallu nuuf taateetta.
[2] Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha.
[3] Ati,“Yaa ijoollee namootaa, achitti deebi'aa” in jetta, namas deebiftee biyyoo isa in goota.
[4] Waggaan kumni tokko, siif akkuma guyyaa kaleessa darbee ti, akkuma darabee dammaqa halkanii tis.
[5] Ati namoota hartee in dabarsita, isaan akka hirriba ganama nama irraa darbuu ti; isaan akka marga iddoo isaatii baduu ti;
[6] Margi ganama lalisee in daraara, galgala mataa buusee in coollaga.
[7] Nuyi dheekkamsa keetiin naasifamnee, aarii keetiinis dhumneerra.
[8] Ati irra-daddarbaa keenya of dura, cubbuu keenya isa dhoksaatti hojjennes ifa fuula kee dura keesseetta.
[9] Guyyoonni keenya hundinuu nuyi dheekkamsa kee jala utuu jirruu darban, akkuma isa yeroo hafuura dheeraa baafannuttis, waggoota keenya in fixna.
[10] Barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baay'ates waggaa saddeetama; wanti isaan keessaa guddaatti lakkaa'amus dadhabbii fi rakkina, isaan dafanii in darbu nuyis baallee baafnee in sokkina.
[11] Humni aarii keetii eenyutti dhaga'ama” Akka ulfina guddaa isa siif ta'utti, dheekkamsa kee isa guddaa eenyutu hubata ree”
[12] Nuyi ogummaa garaatti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenyaa lakkaa'uu nu barsiisi!
[13] Hamma yoomiitti dheekkamta” Deebi'i, yaa gooftaa! Garboota keetiif oo'i!
[14] Bara keenya guutuu gammannee akka ililchinutti, ati ganama gaarummaa keetiin nu quufsi!
[15] Akkuma guyyoota baay'ee nu gaddisiifte, akkuma waggoota baay'ee itti hamaa argines, amma immoo nu gammachiisi!
[16] Hojiin kee garboota keetti, guddinni kees ijoollee isaaniitti akka mul'atu godhi!
[17] Waaqayyo keenya gooftichi faara nutti haa tolu, inni hojii harka keenyaas cimsee nuuf haa dhaabu! Eyyee hojii harka keenyaa cimsii dhaabi!