[1] Yaa Waaqayyo, gab hin jedhin, calluma hin jedhin, akkasumattis nu hin ilaalin, yaa Waaqayyo!
[2] Kunoo, diinonni kee dheekkamanii in wacu, warri si jibbanis mataa isaanii ol qabataniiru;
[3] Isaan saba kee irratti mala qopheessan, warra golgaa kee jala jiran irrattis in mari'atan;
[4] isaan,“Deebi'anii saba akka hin taanetti, kottaa lafa irraa isaan in haxoofnaa! Maqaan Israa'el deebi'ee hin yaadatamin!” jedhan.
[5] Isaanoo yaada tokkoon waliif galan, si irratti ka'uufis waliif kakatan;
[6] godoowwan Edoom, warri Ishmaa'el, warri Mo'aabii fi Aggaar,
[7] warri Gebaalii fi Amoon, Amaaleqis, biyyi Filisxiyaa, warra mandara Xiiroosii wajjin ka'an.
[8] Warri Asoris immoo ilmaan Looxiif irree cimaa ta'anii, isaan sanatti dabalaman.
[9] Warra Miidiyaan akkuma goote, laga Qiisonitti Siisaaraa fi Yaabiinin akkuma goote, isaan kanas akkasuma godhi!
[10] Isaan kun mandara Endooritti balleeffamanii, reeffi isaaniis tortoree lafaaf xaa'oo ta'e;
[11] gurguddoota isaanii akka Oreebii fi, akka Ze'eeb, angafoota isaaniis akka Zeebaa akka Xaalmunaas godhi!
[12] Isaan warra,“Kottaa, biyya Waaqayyo iddoo buufata isaa godhate, ofii keenyaaf in fudhanna” jedhanii dha.
[13] Yaa Waaqayyoo ko, akka awwaara bubbeen gara gaggalchuu, akka abaqii qilleensi fuudhee adeemuus isaan godhi!
[14] Akkuma ibiddi caakkaa gubu, akkuma boba'aan tulluu arraabee darbu,
[15] atis akkasuma bubbee keetiin isaan duukaa bu'ii ari'adhu, qilleensa kee isa jabaadhaan isaan naasisi!
[16] Hamma isaan maqaa kee waammachuu bira ga'anitti, lafa isaan ilaalchisi, yaa Waaqayyo!
[17] Haa yeellaasifaman, bara baraan lafa lixan haa dhaban! Qaana'aniis haa balleeffaman!
[18] Maqaan kee“Isa Jiraataa” akka ta'e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gara irraa jiru ta'uu kees haa beekan!