Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:07

[1] Yaa guutummaa biyya lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee sagalee guddaadhaan dhageessisi!

[2] Isin warri isa keessa jiraattan, ulfina maqaa isaa faarfadhaa, jajuu ulfina argisiisuunis isa jajadhaa!

[3] Waaqayyoon,“Gochaan kee maal maal sodaachisaa dha, dinqisiisaa dhas! Aangoon kee guddaa dha, diinonni kees siif in gugguufu!

[4] Guutummaan biyya lafaa gombifamee siif in sagada, warri isa keessa jiraatan si faarfatu, maqaa kees jajachuudhaan in faarfatu” jedhaa!

[5] Kottaa, wanta Waaqayyo godhe ilaalaa! Inni hojii isaa isa namoota irratti mul'atuun in sodaatama.

[6] Inni galaanicha lafa gogaatti deebise, namoonnis miilla isaaniitiin lagicha keessa ce'an; kanaaf nuyi achitti isatti in gammanne.

[7] Inni jabina isaatiin bara baraan in mo'a, warri mormanii irratti ka'an akka ol of hin qabnetti, iji isaa saba lafa irraa in eega.

[8] Isin saba nana maqaa Waaqayyo keenyaa eebbisaa, sagaleen ittiin isa jajattan akka dhaga'amu godhaa!

[9] Inni jireenyatti nu eegeera, miilli keenyas akka hin bitintirre godheera.

[10] Yaa Waaqayyo, ati nu qorteetta, akka meettiin qoramee ilaalamus nu ilaalteetta.

[11] Ati gara kiyyoo sanaatti nu geessitee, wanta gad nu qabus dugda keenya irra keesse.

[12] Ati namoonni mataa keenya irra akka adeeman goote, ibiddaa fi bishaan keessa darbine; utuma ta'uu iyyuu ati bal'inatti nu baafteetta.

[13] Ani qalma gubatu fudhadhee gara mana keetti ol nan gala, wareega koos siif nan baasa.

[14] Innis isa yeroo ani rakkina keessa ture, arrabni koo tuqe, afaan koos dubbatee dha;

[15] horii coccoomoos qalma gubatuu fi, aarsaa korbeessa hoolaas siif nan dhi'eessa; tuntunoo fi korbeessa re'ootaa aarsaa nan godha.

[16] Isin warri Waaqayyoon sodaattan hundinuu kottaa, dhaggeeffadhaa! Ani wanta inni anaaf godhe nan hima.

[17] Ani guddisee gara isaatti nan iyyadhe; arrabni koos isa jajuuf in qophaa'e.

[18] Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yaadeera ta'ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture.

[19] Waaqayyo garuu dhuguma ana dhaga'eera, sagalee kadhata kootiis yaadaan anaaf qabeera.

[20] Kadhata koo waan of irraa hin deebisiniif, gaarummaa isaas ana irraa waan hin fudhatiniif, maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters