[1] Yaa Waaqayyo, ati na oolchiteetta, diinonni koos anatti akka hin gammanne gooteetta; ani immoo ulfina kee ol kaasee sin galateeffadha.
[2] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani gargaarsaaf gara keetti iyyadheera, ati immoo ana fayyifteetta.
[3] Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo iddoo lafa jalaa keessaa ol baafteetta, warra boollatti gad bu'an gidduudhaas jireenyatti na deebifteetta.
[4] Isin warri Waaqayyoof of kennitan faarfannaadhaan isa jajadhaa, seenaa qulqullina isaatiifis galata isaaf galchaa!
[5] Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaatti, fuulli isaa inni ifaan garuu bara jireenyaatiif in ta'a; galgala boo'ichi yoo namatti dhufe, ganama immoo ililleen in ta'a.
[6] Ani ofii kootii yeroo anatti toletti, “Matumaa ani hin mittiqu” nan jedhe.
[7] Fuula ifaadhaan na ilaaluu keetiin yaa Waaqayyo, tulluun ani irra dhaabadhu jabaatee akka eegamu goote; yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti immoo, naasuutu na qabate.
[8] Yaa Waaqayyo, ani gara keettan iyyadha, faarri gooftaa koo akka anaaf toluufis nan eeggadha.
[9] Ani boollatti yoon gad bu'e, ati du'a koo keessaa maal argatta” Biyyoon si jajaa ree” Yookiis amanamummaa kee in himaa ree”
[10] Yaa Waaqayyo na dhaga'i, araaras anatti argisiisi! Yaa Waaqayyo, ati gargaaraa koo anaaf ta'i!
[11] Ati boo'icha koo sirbatti anaaf geddarte, uffata gaddaas ana irraa hiikte, gammachuu ana hidhachiifte.
[12] Lubbuun koo faarfannaadhaan akka si jajattuuf, callumas akka hin jenneef, yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani bara baraan galata siif nan galcha!