[1] Waaqayyo saba Israa'eliif, warra garaan isaanii qullaa'aa ta'eef dhuguma gaarii dha!
[2] Waa'ee kootiif yoo ta'e garuu, miilli koo bitintiree kufuu ga'eera, ejjennaan koos mucucaachuuf xinnootu hafe.
[3] Warri jal'oonni nagaatti jiraachuu isaanii yeroon arge, warra of jajan kanatti weenna'een ture.
[4] Isaan dhiphina hin qaban, dhagni isaanii fayyaa dha, gabbataa dhas;
[5] rakkinni nama irra ga'u isaan irra hin geenye, akka namoota biraas dha'ichi isaanitti hin buune.
[6] Kanaaf of koorsuu akka naqata mormaatti in kaa'atu, humnaan nama irratti ka'uus akka wayyaatti in uffatu;
[7] ija isaanii coomatu bobbokokse, inni isaan garaatti yaadan guutee irra dhangala'e;
[8] isaan in gai'su humnaan waa'ee nama cunqursuu in dubbatu, nama gara irraa goraniis achii gad in dubbatu.
[9] Afaaniin bantii waaqaa bira in ga'u, arrabni isaaniis biyya lafaa waliin in ga'a;
[10] kanaaf sabni Waaqayyo illee isaanitti in gora, waanuma isaan jedhanis safara malee akka bishaanii in dhuga.
[11] Isaan immoo,“Waaqayyo attamitti beekuu danda'a ree” Isa hundumaa gara irraa biras waa beekuun jiraa ree?” in jedhu.
[12] Ilaa! Jal'oonni warra akkasiiti, yeroo hundumaa of irraa bu'anii in jiraatu, jabaachaas in adeemu.
[13] Yoos immoo ani ofumaan garaa koo qulqullinatti eeggachuuf dhama'ee ree” Yakka akkan hin qabne argisiisuufis ofumaan harka koo dhiqadhee ree”
[14] Guyyaa guyyaatti dha'ichi anatti bu'eera, ganama ganamas adabamuun na eeggata ture.
[15] Utuun,“Akkuma isaanii nan dubbadha” jedheera ta'ee, dhaloota ijoolleen kee keessa jiran biratti amanamuu dhabee, isaanis akka gara gaggalan nan godhan ture.
[16] Yeroo ani kana hubachuuf jedhee itti yaade immoo, rakkisaa ta'ee anatti argame.
[17] Hamma ani mana qulqullummaa Waaqayyootti galee, jarri sun gara dhumaatti maal akka ta'an hubachuu bira ga'etti, na rakkise.
[18] Dhuguma iyyuu ati lafa mucucaatu irra isaan in dhaabachiifta, kukkufanii akka caccabanis in goota.
[19] Attamitti batalatti badiisi sodaachisaan isaan irra ga'e, attamittis dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhan!
[20] Akka wanti abjuudhaan argan yeroo dammaqan dhabamu, akkasumas yaa gooftaa, ati yommuu kaatu, bifa isaanii akka waan hin jirreetti in ilaalta.
[21] Yommuu jireenyi anatti hadhaa'e, yeroo onnee na tumates,
[22] ani nama gowwaa, nama waa hubachuu hin dandeenye ta'e, si duratti akkuma horii marga dheeduun ture.
[23] Haa ta'u iyyuu malee, ani yeroo hundumaa si biratti nan hafa, atis harka koo mirgaa in qabda;
[24] ati gorsa keetiin ana in geggeessita, kana booddees ulfinatti ana in fudhatta.
[25] Waaqa irratti si malee eenyuun nan qabaadha ree” Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree”
[26] Foon koo, keessi namummaa koos yoo gad dhuman iyyuu, Waaqayyo garaa koo in jajjabeessa, bara baraanis qooda anaaf in ta'a.
[27] Kunoo, warri si irraa fagaatan in balleeffamu, warra amanamuu dhiisanii kan biraatti goranis ati in fixa.
[28] Waa'ee koof yoo ta'e garuu, Waaqayyotti dhi'aachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa, hojii kee hundumaa himuudhaaf, ani da'oo si godhadheera.