Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:50

[1] Waaqayyoon jajadhaa! Waaqayyoon jajadhu, yaa lubbuu ko!

[2] Ani jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan jajadha, hamman jirutti jajuu Waaqayyo koo nan faarfadha!

[3] Amanannaa keessan gurguddoota irra, ilmaan namaa warra gargaarsi bira hin jirre irras hin kaa'atinaa!

[4] Yeroo hafuurri isaa keessaa baatu, inni deebi'ee biyyoo in ta'a; guyyuma sanas akeeki isaa in bada.

[5] Namni, Waaqayyo inni kan Yaaqoob gargaarsa isaa ta'eef, abdii isaas Waaqayyo isaa goofticha irra inni kaa'ate haa gammadu!

[6] Gooftichi isa bantii waaqaa fi lafa, galaanaa fi wanta isaan keessa jirus uumee dha; inni bara baraan amanamummaa in eega.

[7] Inni warra cunqurfamaniif dhugaa in baasa; warra beela'aniifis soora in kenna; Waaqayyo warra hidhaman hiikee gad in dhiisa.

[8] Waaqayyo jaamotaaf agartuu isaanii in deebisa; Waaqayyo warra gad deebi'an ol in kaasa; Waaqayyo warra qajeelota in jaallata.

[9] Waaqayyo galaa biyya ormaa in eega; inni ijoollee abbaan irra hin jirree fi haadha hiyyeessaa in jiraachisa; karaa warra jal'ootaa garuu irraa in kaachisa.

[10] Yaa Xiyoon, Waaqayyo kee gooftichi, dhalootaa hamma dhalootaatti, bara baraan in mo'a! Waaqayyoon jajadhaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters