[1] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani sitti kooluu nan gala na gargaari, warra na ari'atan hundumaa jalaa na baasi!
[2] Lafa inni oolchu na bira hin jirretti, isaan akka leencaa ana cuffatanii hin kukkutatin!
[3] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani wanta akkasii hojjedheera yoon ta'e, hojii harka koo keessas yakki yoo jiraate,
[4] nama nagaatti anaa wajjin jiraatu hamaa godhee, nama na cunqurses sababii malee saameera yoon ta'e,
[5] diinni koo ari'ee ana haa qaqqabu, jireenya koo dhidhiitee lafatti haa dabalu, ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
[6] Aarii keetiin ka'i! Yaa Waaqayyo, cunqursituu koo warra aaranii boba'an kana irratti ka'i! Ati firdiin akka kennamu abboomteetta, anaaf dammaqi yaa Waaqayyoo ko!
[7] Sabni hundinuu naannoo keetti walitti haa qabaman, ati immoo teessoo kee isaan gara irraatti ol kaasii dhaabadhu!
[8] Waaqayyo saba hundumaaf firdii in kenna, akka qajeelummaa koottii fi akka balleessaa malee argamuu kootti, dhugaa koo anaaf baasi yaa Waaqayyo!
[9] Hamminni warra jal'ina hojjetanii haa ga'u, nama qajeelaa garuu jabeessii dhaabi! Garaa namaa fi yaada namaa kan qortu, ati Waaqayyo qajeelaa dha.
[10] Waaqayyo warra yaadni garaa isaanii qajeele in oolcha, gaachanni koos isuma biraa anaaf dhufa.
[11] Waaqayyo abbaa firdii isa qajeelaa dha, guyyaa hundumaas dheekkamsa isaa in mul'isa.
[12] Namni yaada garaa isaa yoo geddarachuu dhabaate, Waaqayyo billaa isaa in qarata, iddaa isaas dabsee, jabeessee, ol in fudhata;
[13] inni mi'a ajjeesu kana ol itti in fudhata, xiyya boba'aa adeemus itti in qopheeffata.
[14] Kunoo namni jal'aan hamaa garaa isaatti in yaada, jal'ina kanas in ciniinsifata, wallaalchisas bakkeetti in baasa.
[15] Inni boolla gad fageessee warra kaaniif in qota, ofuma isaatii immoo isa keessa in bu'a.
[16] Hamaan inni gochuuf yaade mataa isaatti gara in gala, wanti inni humnaan nama irratti hojjetes gubbee isaa irratti in bu'a.
[17] Ani qajeelummaa isaatiif jedhee Waaqayyoof galata nan galcha, maqaa Waaqayyoo aabbaas faarfannaadhaan nan jajadha.