Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:18

[1] Faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa, guutummaan biyya lafaas Waaqayyoon faarfadhaa!

[2] Waaqayyoon faarfadhaa, maqaa isaas eebbisaa, fayyisuu isaas guyyuma guyyaatti labsaa!

[3] Saba lafa irraa keessatti guddina isaa, saba hundumaa keessattis gocha isaa isa dinqisiisaa beeksisaa!

[4] Waaqayyo guddaa dha, guddisee jajamuun in ta'aaf, waaqayyolii hundumaa gara irraattis sodaatamuun isaaf in ta'a.

[5] Waaqayyoliin saba warra kaanii hundinuu kan dhimma hin baafnee dha, Waaqayyo garuu bantiiwwan waaqaa in hojjete.

[6] Surraan, simboonis fuula isaa dura, aangoon, miidhagummaanis mana qulqullummaa isaa keessa jiru.

[7] Isin qomoon saba hundaa Waaqayyoof ulfina dhi'eessaa! Aangoo Waaqayyoos beeksisaa!

[8] Ulfina maqaa isaatiif ta'u Waaqayyoof dhi'eessaa! Kennaa fidaatii gara oobdii isaa kottaa!

[9] Qulqullummaa akka mi'a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa, yaa guutummaa lafaa, isa duratti rom'i!

[10] Saba lafa irraa keessatti, “Waaqayyo mootii dha! Eyyee, inni biyya lafaa jabeessee dhaabeera, iddoo isaatiis akka inni hin butanne godheera; qajeeltoodhaanis saba hundumaaf firdii in kenna” jedhaa!

[11] Bantiiwwan waaqaa haa gammadan, laftis gammachuu haa qabaatu, galaanni wanti isa keessa guutes haa huursu!

[12] Bakkeen, wanti isa keessa jiru hundinuus haa gammadan eyyee, mukeetiin caakkaa hundinuu sagalee gammachuu haa dhageessisan!

[13] Kun fuula Waaqayyoo duratti in ta'a, inni in dhufa, eyyee, inni lafaaf firdii kennuudhaaf in dhufa; guutummaa biyya lafaaf qajeelummaadhaan saba hundumaafis amanamummaadhaan firdii in kenna.

Macaafota Faarfannaa — Chapters